Guyyichi milkaa’inaan akka kabajamu qophiin taasifameera - ENA Afaan Oromoo
Guyyichi milkaa’inaan akka kabajamu qophiin taasifameera
Sadaasa 24/2018(TOI)-Milkaa’ina ayyaana guyyaa sabootaa, sablammootaa fi ummattootaa naannoo jiddugaleessa Itiyoophiyaatti kabajamuuf hawaasaa fi dargaggoota tola ooltota qindeesuun qophiin taasifamuu biiroon nagaa fi tasgabbii naannichaa beeksise.
Qophii milkaa’ina ayyaanichaaf taasifame ilaalchisuun biirichi har’a miidiyaaleef ibsa kenneera.
Hoogganaan biirichaa obbo Tamasgeen Kaasaa ibsa kennanniin, ayyaanni sabootaa, sablammootaa fi ummattootaa 20ffaan milkaa’inaan akka kabajamu nagaa fi tasgabbiin walqabatee qophiileen taasifamaniiru.
Hawaasa, dargaggoota tola ooltotaa fi dhaabbilee nageenyaa fi tasgabbiihirmaachisuun qophiin taasifamuu eeraniiru.
Keessummoonni ayyaanicha kabajuuf dhufan naannicha dhufuu eegaluusaanii eeranii, bakki aara galfii fi tajaajiloonni biroo raawwatamaa jiraachuu dubbataniiru.
Yakkoota kabaja ayyaanichaarratti mudatan battalatti furuuf dhaddachi yeroo hundaa’uusaa eeraniiru.