Tamsaasa Kallatti:

Damee qonnaa Afriikaa fulla’insaan jijjiiruu fi wabii nyaataa mirkaneessuuf tiraanisfoormeeshinii qonnaa dijitaalaarratti ni hojjetama

Sadaasa 24/2018(TOI)- Damee qonnaa Afriikaa fulla’insaan jijjiiruu fi wabii nyaataa mirkaneessuuf tiraanisfoormeeshinii qonnaa dijitaalaarratti xiyyeeffatamee akka hojjetamu komishiniin gamtaa Afriikaa beeksise.

Yaa’iin qonna dijitaalaa gamtaan Afriikaa yeroo jalqabaaf qopheesse xumurameera.

Yaa’ichi mata duree Inniveeshinii fi furmaattota dijitaalaa dame qonnaaf fayyadamuun egeree Afriikaa ifa gochuu” jedhuun guyyoota sadan darbaniif gaggeeffamaa tureera.

Gamtaa Afriikaatti komishinariin qonnaa, misooma baadiyyaa, dinagdee Buluu fi naannawa fulla’aa Mosas Vilaakaatii wayita kana, dame qonnaa Afriikaa gara guddina, wabii nyaataa fi dandeettii damdamachuu barbaadamutti guddisuuf qonni dijitaalaa qooda murteessaa akka qabu yaa’ii Kanaan mirkaneessuusaa eeraniiru.

Haala Kanaan dame qonnaa fulla’insaan jijjiiruu fi wabii nyaataa mirkaneessuuf tiraanisfoormeeshinii qonna dijitaalaarratti xiyyeeffatamee ni hojjetama jedhaniiru.

በጉባኤው Qonna keessatti shoorri dargaggootaa fi dubartootaa murteessaa ta’uusaa yaa’ii Kanaan mirkaneessuun akka danda’ame ibsaniiru.

De’eetaan ministiraa Innoveeshinii fi Teeknooloojii Dr. Baay’isaa Badhaadhaa milkaa’ina qonna dijitaalaaf birmadummaa cimsuun sirrii ta’uu eeraniiru.

Odeeffannoo qonnaa akka qabeenya tarsiimawaatti kunuunsuu, sirnoota Afriikaa keessaa dandeettii komunikeeshinii mirkaneessuu fi dargaggootaa fi dubartoota ga’oomsuudhaan qonna Afriikaa guddisuun ni danda’ama jedhaniiru.

Haala Kanaan Itiyoophiyaan hojii jajjabeessaa raawwachaa akka jirtu dubbatan de’aataan ministiraa kun.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015