Tamsaasa Kallatti:

Piriimar Liigii dubartootaan magaalaan Shaggar Buna Sidaamaa mo’ate

Sadaasa 24/2018(TOI)- Piriimar Liigii dubartootaan turban 10ffaa tapha jalqabaatiin magaalaan Shaggar Buna Sidaamaa galchii 1 fi 0’n mo’ateera.

Tapha Istaadiyeemii yaadannoo Abbabaa Biqilaatti gaggeeffameen Sarkaalam Baasaa daqiiqaa 79ffaatti galchii garichi ittiin mo’ate galchiteetti.

Magaalaan Shaggar bara dorgommii kana injifannoo jahaffaa galmessisee qabxii 18’n sadarkaa afraffaa qabateera.

Bunni Sidaamaa yeroo afraffaa mo’amee qabxii sagaliin sadarkaa 10ffaarra jira.

 Sagantaan turban 10ffaa piriimar Liigii dubartootaa Itiyoophiyaa amma Sadaasa 26 bara 2018tti ni tura.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015