Tarsiimoon Dijitaalaa Itiyoophiyaa 2030 guddina diinagdee hundagaleessa mirkaneessuu keessatti shoora olaanaa qaba - ENA Afaan Oromoo
Tarsiimoon Dijitaalaa Itiyoophiyaa 2030 guddina diinagdee hundagaleessa mirkaneessuu keessatti shoora olaanaa qaba
Sadaasa 24/2018(TOI)- Tarsiimoon Dijitaalaa Itiyoophiyaa 2030 guddina diinagdee hundagaleessa mirkaneessuu keessatti shoora olaanaa qabaachuu Ministirri Ministeera Innooveshinii fi Teekinooloojii doktar Ballaxaa Mollaa ibsan.
Simpooziyeemiin Kilabii Daayimandii bara 2025 Yunivarsiitii Saayinsii fi Teeknooloojii Finfinneetiin qophaa'e mata duree " Egeree hammataa uumuuf hoggansa Dijitaalaa Addunyaa Cimsuu " jedhuun gaggeeffamaa jira.
Haasaa baniinsaa simpooziyeemii kanarratti taasisaniin Ministirri Ministeera Innooveeshinii fi Teeknooloojii doktar Ballaxaa Mollaa rakkoolee addunyaa ulfaataa fi walxaxaa ta’an hiikuuf teeknooloojiin carraa fidee dhufuu ibsaniiru.
Gama biraatiin teeknooloojii sirnaan fayyadamuu dhabuun qormaata haaraa uumuuf carraa akka qabu hubachiisaniiru. Qormaata kana furuuf biyyoonni tumsa isaanii daran cimsuu qabus jedhan.
Tarsiimoon Dijitaalaa Itiyoophiyaa bara 2030 dhiheenya kana ragga’e guddina diinagdee hunda hammate mirkaneessuu fi nageenya lammiilee guddisuu keessatti gahee olaanaa akka qabus cimsanii dubbataniiru.
Guddinni dijitaalaa Itiyoophiyaa jajjabeessaa ta’uu eeruun; lammiileen miliyoonaan lakkaa’aman sirna adda baasuu dijitaalaa keessatti hammatamaa akka jiran himaniiru.
Babal’inni bu’uuraalee misoomaa dijitaalaa fi guddinni kenniinsa tajaajila mootummaa elektirooniksiin taasifamu dabalaa jiraachuu himaniiru.
Qormaatni iccitii odeeffannoo qabachuu, nageenyi saayibarii, fi hubannoo namtolchee mudatu biyya tokko qofaan furmaata argachuu akka hin dandeenye ibsaniiru.
Simpooziyeemiin har'aa kun yeroo marii qofa osoo hin taane gara hojiitti tarkaanfachiisu ta'uu qaba jedhaniiru.