Godina Wallagga Lixaatti pirojektiin jallisii hatattamaan ijaaramaa jira - ENA Afaan Oromoo
Godina Wallagga Lixaatti pirojektiin jallisii hatattamaan ijaaramaa jira
Sadaasa 24/2018 (TOI)-Godina Wallagga Lixaatti pirojektiin jallisii xiqqaa fi jiddugaleessaa jaha hatattamaan ijaaramaa jiraachuu wajjirri misooma jallisii godinichaa beeksise.
Hogganaan Waajjira misooma jallisii godina Wallagga Lixaa obbo Gabree Abarraa TOI’f akka ibsanitti, jijjiiramaan asitti godinichatti misooma jallisii babal’isuun fayyadama ummataa mirkaneessuuf pirojektoonni jallisii bal’inaan hojjetamaa jira.
Baranas birria biiliyoona tokkoon ijaarsi pirojektoota jahaa hatattamaanhojjetamaa jiraachuu eeraniiru.
Pirojektoonni jallisii kunneen aanaalee Najjoo, Haruu fi Gullisootti hojjetamaa kan jiran yoo ta’u bajata ijaarsaaf oolu mootummaa naannichaatu ramade.
Pirojektoonni kunneen wayita xumuraman lafa heektaara 350 misoomsuu akka danda’an eeranii, qonnaan bultoota 500 caalan akka fayyadan dubbataniiru.
Mootummaan naannoo Oromiyaa pirojektii Finnaa jedhamu bocee keessumaa bakkeewwan gammoojjii naannichaatti pirojektoota jallisii xixiqqaa fi jiddugaleessaa ijaaraa akka jiru ni beekama.
Pirojektoonni jallisii fulla’insaan ongee damdamachuurra darbee qonnaan bulaan waggaatti yeroo lamaa fi sadii oomishuun fayyadamummaansaa akka dabalu deeggaraa jiraachuun himameera.