Tamsaasa Kallatti:

Naannoo Somaalee godina Fafanitti midhaan ganna misoome Mekaanaayizeeshiniin walitti qabamaa jira

Sadaasa 24/2018(TOI)-Naannoo Somaalee godina Fafan aanaa Awebereetti midhaan ganna misoome Mekanayizeeshiniin walitti qabamaa jiraachuu waajjirri qonnaa aanichaa beeksise.


 

Naannoon Somaalee lafa gabbataa hedduu fi bishaan garagaraa qabaatus loon horsiisuun alatti qonnaaf oolee hin beeku.

Horsiisee buloonni jijjiiramaan asitti loon horsiisuun cinaatti hojii qonna hojjechuun wabii nyaataa akka mirkaneessuuf hojii hojjetameen jijjiiramoonni dinqisiisoon hojjetamaniiru.

Mootummaan naannichaa nageenya naannawasaa eegsisuun ummanni misoomarratti akka xiyyeeffatu gochuusaatiin lafa bal’aa misoomsuun danda’ameera.

Naannichatti godinaalee qamadiin bal’inaan keessatti misoomu keessaa ggodinni Fafen isa tokkodha.

Godinicha aanaa Awebareetti midhaan akka hin qisaasamne mekaanaayizeeshiniin walitti qabamaa jira.

Hogganaan waajjira qonnaa aanichaa Iddallee Musee TOI’f akka ibsanitti, aanichatti Garbuu, Qamadii, Boqqoolloo, Mishingaan fi kanneen biroo misoomuu ibsaniiru.


 

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015