Yunivarsiitichi oomishaa fi oomishtummaa guddisuuf hojiin hojjataa jiru fakkeenyummaan kan ibsamuudha - ENA Afaan Oromoo
Yunivarsiitichi oomishaa fi oomishtummaa guddisuuf hojiin hojjataa jiru fakkeenyummaan kan ibsamuudha
Sadaasa 24,2018 (TOI)-Yunivarsiitiin Madda Walaabuu hojiiwwan oomishaa fi oomishtummaa qonnaan bulaa guddisuuf hojjechaa jiru fakkeenyummaan kan ibsamu ta'uun himameera.
Yunivarsiitichi mataduree ‘Oomishtummaan qamadii milkaa'ina qonna keenyaaf’ jedhuun wiirtuu qorannoo Yunivarsiitichaa fi oyiruu qonnaan bultootaa kilaastara qamadiin misoomaa jiru qooda fudhattoota waliin daaw'annaa dirree gaggeesseera.
Daaw'annaa dirree qonnaa kanarratti kan argaman hogganaan itti aanaa Biiroo Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Doktar Otukanaa Odaa akka jedhanitti, mootummaan naannichaa qooda fudhattoota adda addaa waliin ta’uun oomishaa fi oomishtummaa qonnaan bultootaa fooyyessuuf hojjechaa jiraachuu ibsan.
Wabii nyaataa mirkaneessuu fi carraa hojii uumuu dabalatee galmoota gurguddoo biroo galmaan ga’uuf hojiiwwan hojjetaman bu’aa qabatamaa argamsiisaa jiraachuus dubbatan.
Inistiitiyuutiin Qorannoo Qonnaa fi dhaabbileen barnoota olaanoo oomishtummaa qonnaan bultootaa fooyyessuu fi qormaata damicha keessatti mudate qorannoodhaan furuuf xiyyeeffannoon hojjechaa jiraachuus ibsaniiru.
Yunivarsiitiin Madda Walaabuu adeemsa baruu fi barsiisuu bira darbee oomishaa fi oomishtummaa qonnaan bulaa guddisuuf hojiin hojjechaa jiru fakkeenyummaan kan ibsamu ta’uu eeraniiru.
Hogganaa itti aanaa Biiroo Qonnaa Oromiyaa Obbo Dajanee Hirphaa akka ibsanitti, naannichatti lafa hektaara miiliyoona 10.tuqaa 8 midhaan adda addaatiin uwwifame irraa kuntaala miiliyoona 386 argachuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu himan.
Mootummaan qonnaan bultoota mala qonnaa aadaa irraa gara mala qonnaa makaanaayizeeshiniitti ceesisuuf tattaaffiin taasifamaa jiru bu’a qabeessa ta’aa jiraachuu daaw'annaa dirree aanaalee Baalee adda addaa keessatti gaggeeffameen arguu isaanii himan.
Hojiin qorannoo Yunivarsiitii Madda Walaabuun oomisha qamadii dhukkuba dandamatuu fi oomisha fooyya’aa argamsiisu irratti hojjetamaa jiru abdachiisaa ta’uus ibsaniiru.
Itti Aanaan Itti gaafatamaa Waajjira Qonnaa Godina Baalee Obbo Mu'awiyaa Fu'aad akka jedhanitti, godinichatti lafti hektaara kuma 528 ol oomisha midhaan gosa adda addaatiin misoomaa jiraachuu himan.
Pirezidaantiin Yuunivarsiitichaa Doktar Birahaanamasqal Xannaa akka jedhanitti, Yunivarsiitichi hojii baruu fi barsiisuun cinaatti qonnaan bultoonni hojii qonnaa fooyya’aa ta’e hojiirra oolchuun oomishaa fi oomishtummaa isaanii akka guddisan galteelee qonnaa fi deeggarsa ogummaa taasisaa jiraachuu eeran.
Keessattuu, Yunivarsiitichi midhaan qamadii irratti qorannoo bal’aa gaggeessuun fayyadamummaa qonnaan bultootaa mirkaneessuuf hojjachaa jiraachuu dubbatan.
Waggoota afran darbanitti Yunivarsitichi qonnaan bultoota adda duree Baalee, Baalee Bahaa fi Arsii Lixaa kilaastaraan gurmaa’aniif deeggarsa galtee ogummaa fi qonnaa taasisaa turuun isaa jijjiirama oomishtummaa fideera jedhan.