Liigicha dursaa kan jiru Arsenaal Bireentifoordi waliin nidorgoma - ENA Afaan Oromoo
Liigicha dursaa kan jiru Arsenaal Bireentifoordi waliin nidorgoma
Sadaasa 24/2018 (TOI)-Piriimar Liigii Ingilizi turban 14ffaan Arsanaal Bireentifordi waliin nidorgoma.
Dorgommiin garee lamaanii galgala sa’aatii 4:30tti Istaadiyeemii Emireetsitti gaggeeffama.
Arsanaal qabxii 30’n liigicha yoo dursu Bireentifoordi qabxii 19’n sadarkaa 10ffaarra jira.
Arsanaal yoo mo’ate sadarkaa lammaffaarra kan jiru garaagarummaa qabxii Maanchistar Siitii waliin qabu shanitti guddisa.
Sagantaalee birootiin Liidsi Yuunaayitid Cheelsii fi Liivarpuul Sandarlaandi waliin sa’aatii wal fakkaataa galgala sa’aatii 11:15tti ni taphatu.
Biraayitan Astonviilaa, Barnleyi Kiristaal Paalaas akkasumas Wolvarhampitan Wondirersi Notiingihaam waliin sa’aatii wal fakkaataa sa’aatii 4:30tti ni taphatu.