Hawwii keenya Afriikaa badhaatee fi cimtuu uumuu milkeessuuf Istaatistiksiin qooda olaanaa qaba – Itti Aanaa Ministira Muummee Tamasgeen Xurunaa - ENA Afaan Oromoo
Hawwii keenya Afriikaa badhaatee fi cimtuu uumuu milkeessuuf Istaatistiksiin qooda olaanaa qaba – Itti Aanaa Ministira Muummee Tamasgeen Xurunaa
Sadaasa 24/2018(TOI )-Hawwii keenya Afriikaa badhaatee fi cimtuu uumuu dhugoomsuuf Istaatistiksiin qooda olaanaa qaba jechan Itti Aanaan Ministira Muummee Tamasgeen Xurunaa.
Itti Aanaan Ministira Muummee Tamasgeen Xurunaa ergaa fuula Miidiya Hawaasummaa isaanii irratti dabarsaniin daataa istaatistikisii guddina Ardii keenya Afriikaa barbaannu dhugoomsuuf kan nu qajeelchu ta’uu ibsaniiru.
Walga’iin idilee 19ffaan koree daarekteerota walii galaa Istaatistiksii Biyyoolessaa Afriikaa kan Ajandaa Misooma Afriikaa qajeelchu guyyaa har’aa Magaala Finfinneetti eegalchiisuusaanii ibsaniiru.
Itiyoophiyaan karoora Misooma waggaa kudhanii fi milkaa’ina fooyya’insa Diinagdee mandhaaleef istaatistiksii akka dandeettii murteessaa ta’etti adda baasuu irratti xiyyeeffattee hojjechaa jirti jechuun dubbataniiru.
Tajaajilli Istaatistiksii dhaabbatashee ammayyeessaa jiraachuu kaasaniiru.
Mootummaan imaammatawwan, hojiiwwan misoomaa fi murteewwan odeeffannoowwan qulqullina qaban irratti kan bu’uureffaman akka ta’aniif hojjechaa jiraachuu hubachiisaniiru.
Hawwii keenya Afriikaa Badhaatee fi cimtuu uumuu milkeessuurratti Istaatistiksiin qooda olaanaa qaba jedhaniiru.
Istaatistiksiin kaartaa Misoomaa keenyadha, eessa akka jirru nutti hima, garamitti akka deemnu nutti argisiisa jechuun dubbataniiru.
Kanaaf bilisummaa dhaabbata Istaatistiksii Afriikaa cimsuun, Istaatiksiif faayinaansii fulla’aa mirkaneessuu fi sirna odeeffannoo walfakkaataa Ardichatti uumuurratti xiyyeeffannoo kennuu akka qabnu itti aanaan ministira muummee ergaa dabarsaniin beeksisaniiru.