Tamsaasa Kallatti:

Magaalichatti hojiiwwan bu’aa qabeessi hedduun Fayyadamummaa hunda galeessa jirattotaa mirkaneessan raawwatamaa jiru-Kantiibaa Adaanach  Abeebee 

Sadaasa 24/2018(TOI )- Magaalaa Finfinneetti hojiiwwan bu’aa qabeessii Fayyadamummaa hunda galeessa jirattotaa mirkaneessan raawwatamaa jiraachuu Kantiibaa Adaanach  Abeebee ibsan.

Kantiibaa Adaanach Abeebee dargaggoota kuma 30  dameelee adda addaan gumaa’anii fi  walitti hidhaminsi hojii  uumameef  hojii eegalchiisaniiru.

Kantiibaan kun wayitakana  dargaggoonni  har’a  carraan hojii  uumameef  Dameelee  Manufaakcharingiin, Ijaaarsaan, Qonna  magaalaan,  Daldalaa fi Tajaajilaan kan gurmaa’aniif ta’uu  ibsaniiru.

Magaalittiitti hojiiwwan Fayyadamummaa hunda galeessa  jiraattotaa  mirkaneessan raawwatamaa jiraachuu eeruun, carraa hojii jireenya jiraattota bu’uurarraa  jijiiraa jiran  uumamaa jiraachuu dubbataniiru.

Carraan hojii gabaadhaan durfamu hojjetamaa jiraachuu eeruun, Aadaa  hojii  jijjiiruurratti    hojiiwwan hedduun hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru.

Dargaggoonni  har’a gara hojiitti galan cimanii hojjechuun ofiirra darbanii fayyadamummaa  namoota biroof cimanii hojechuu akka qaban hubachiisaniiru.

Kunis magaalichatti  bal’inan hojiirra oolaa kan jiru sosochii carraa hojii guyyaa tokkoon uumuu gara fuula duraattis cimee akka itti fufu eeraniiru. 

Sadarkaa  Itti Aanaa Kantiibaatti  Itti Gaafatamaan Biiroo  carraa  hoji uumuu fi ogummaa  Miiliyoon Maatiwoos  gamasaaniin, jijjiirama biyyoolessaan booda lammiilee hedduun fayyadamoo carraa hojii ta’uusaanii eeraniiru.

Qabeenya magaalaa Finfinnee jiru fayyadamuun carraa  hojii dabalataa uumuun  hojiiin lammiilee fayyadamoo taasisuu cimee akka itti fufu dubbataniiru.

Magaalichatti carraawwan hojii hedduun ogummaarratti xiyyeeffatan uumama  jiraachuu   dubbataniiru.

Saganticharratti  kantiibaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Adaanach Abeebee dabalatee   hoggantoonni olaanoon magaalichaa fi keessummoonni waamichi taassifameefii biroon  argamaniiru.

#Tajaajila oduu Itiyoophiyaa #TOI

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015