Tamsaasa Kallatti:

Tapha Xumuraa eegamuu  Baarseloonaan Atiletiko Maadiriidiin Injifachuun dursummaa  Liiigichaa cimsateera

 

Sadaasa24/2018(TOI ) – Tapha  Ispeen laaliga  torbee 15ffaa irratti  Baarseloonaan Atileetikoo Maadiriidiin 3 fi 1 injifate.

Tapha galgala Istaadiyeemii  Kaampi nootti tapahatamerratti   Raafiinhaa,Dani olmoo fi Feeraantoorees  galchii  injifannoo  lakkoofsisaniiru.

 Aleksi Ba’eenaa  Atileetikoo  Maadiriidiif  galchii  murteessaa  lakkoofsiiseera.

Taphichaan Baarseloonaan   rukkutaa adabbii argateen  Rooberti Lewandoskiin   osoo itti hin fayyadamiin   hafeera.

 Liigichatti Injifannoo  12ffaa  kan galmeessise  Baarseloonaan  qabxii 37n  dursummaa  liigichaa cimsateera.

Riyaal Maadiriid caalmaa qabxiin  sadarkaa 4ffaatti guddateera.

Dorgaommii barichaan   yeroo lammaffaa  kan mo’ame Atileetikoo Maadiriid  qabxii 31n  sadarkaa  4ffaa  qabateera.

Liigichatti  Qabxii 33 sadarkaa  2ffaa irratti kan argamu  Riyaal maadiriid  booru dirresaa alatti  Atileetikoo Biilba’oo  waliin  taphata.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015