Tamsaasa Kallatti:

Maanchistar siitiin Fulhaamiin Mo’ate

Sadaasa 23/2018(TOI)-Sagantaa turban 14ffaa Piriimar Liigii Ingiliziin Maanchistar Siitiin galchii 5 fi 4’n Fulhaamiin mo’ateera.

Tapha Istaadiyeemii Kiraavaan Koteejitti gaggeeffameen Maanchistar siitiin galchii 5 fi 4’n Fulhaamiin mo’ateera.

Maanchistar Siitiin 5 fi 1’n dursaa osoo jiruu gara xumuraatti galchiin sadii itti galuunsaa muddama keessa isa galchee ture.

Manchistar Siitiin tapha liigichaan si’a sagal mo’achuun qabxii 28’n sadarkaa lammaffaa qabateera.

Fulhaam ammo liigichaan si’a torba mo’amuun qabxii 17’n sadarkaa 15ffaa irra jira.

Arliingi Halaandi Liigichaan galchii 100ffaa galmeessiseera. Haalaandi Liigichaan taphataa si’annaan galchii 100ffaa lakkoofsise ta’uun seenaa haaraa hojjeteera. Taphataan kun taphoota 111 taphatee galchii 100 lakkoofsiseera.

Kanaan dura Alan Shiirar taphoota 124 taphatee galchii 100 lakkoofsisuun waggoota 30’f riikardii qabatee tureera.

Sagantaa birootiin Everten dirree isaatii ala Bornimaawuziin 1 fi 0’n mo’ateera.Niwukaastil Yunaayitid fi Totenihaam Hotisparsi galchii lamaan wal qixa bahaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015