Tamsaasa Kallatti:

Dhaabbilee fi seektaroonni, hubannoo namtolchee safartuu madaala isaanii gochuu qabu- Ministira Muummee Dr.Abiyyi Ahimad

Sadaasa 23/2018(T0I)- Ministirri Muummee doktar Abiyyii Ahimad dhaabbilee fi dameen kamuu akka safartuu raawwii hojii fi galmaatti hubannoo namtolchee fayyadamuu akka qaban cimsanii dubbataniiru.

"ija mootummaa Ida’amuutiin, guddina dameelee" yaadota Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad leenjii hoggantoota olaanoo Paartii Badhaadhinaa irratti kaasan keessaa tokko damee dijitaalaa kan ilaallatudha.

Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad dameen dijitaalaa hojiilee hedduu walitti kan fidu ta’uu himuun, mootummaan waraqaa eenyummaa dijitaalaa(Faayidaa), baankii moobaayilaa, fi mala kaffaltii ammayyaa babal’isuuf hojjechaa jiraachuu himaniiru.

Akkasumas, hubannoon namtolchee fi saayinsiin kuwaantum haala jireenya dhala namaa, hojii fi yaada dhala namaa jijjiiraa akka jiran ibsaniiru.

Teekinooloojii fudhachuu qabna kan jedhan Muummeen Ministiraa dooktar Abiyyi Ahimad, hubannoon namtolchee humna, oomishaa fi hirmaannaa seera uumamaa irra deebi’ee barreessaa akka jiru ibsaniiru.


Dandeettiin biyya keessaa waraqaa eenymmaa biyyaoolessaa (Faayidaa), Paaspoortii, Mesob, Baankii Moobaayilaa, Mala Kaffaltii Ammayyaa, Tajaajila Dijitaalaa Gumurukaa fi Galii, fi Sirna Odeeffannoo Bulchiinsa Faayinaansii Walitti Hidhame (IFMIS) misoomuu fi babal’achuu akka qabus cimsanii dubbataniiru.

Dameeleen adda addaa hagam hubannoo namtolcheetti fayyadamaniiru? Jennee madaaluu yoo hin jalqabne, yoo turrellee yoomiyyuu galmaan hin geenyu jedhan.

Hojiima kamiifiyyuu teekinooloojii fayyadamuun akka barbaachisu eeruun, badhaadhina hunda galeessa mirkaneessuuf teekinooloojiiwwan adda addaa waliin walitti hidhuun dirqama akka ta’e ibsaniiru.

Ministirri Muummee yaada galma tokkoo kan jedhuun ibsa kennaniin ,tokkoon tokkoon magaalaa tajaajila wiirtuu tokkoo(MESOB) banuu akka qabus eeraniiru.

Imaammata waraqaa eenyummaa biyyoolessaa 100% guutummaan guutuutti galmaan ga’uuf qabame hojiirra oolchuun akka danda’amu ibsuun, kanaafis caasaan bulchiinsaa hundi cimanii hojjechuu akka qaban cimsanii dubbataniiru.


Inishiyeetiiviin Koodaroota Miiliyoona Shan hojii baay’ee murteessaa ta’uu eeruun, jalqabbiin kun 100% milkaa’uu qaba jedhan.

Dhaabbileeniifi dameeleen tokkoon tokkoon isaanii hubannoo namtolchee hangam fayyadameera? Kan jedhu galma kaa’uu akka qabanis ibsaniiru.

Itti fayyadamni hubannoo namtolchee (artificial intelligence) yoo hin guddanne jijjiiramnii fi walitti hidhamiinsi yaadame dhufuu akka hin danda’amnes hubachiisaniiru.

Kalaqaa fi saffisaan, qulqullinaa fi hedduummina galmaan ga’uuf carraaquun hojii ijoo mootummaa ida’amuu ta’uu ibsaniiru doktar Abiyyi Ahimad.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015