Tamsaasa Kallatti:

Itiyoophiyaan  tapha murteessaa Keeniyaa waliin taphachuun  biyya 3ffaa Waanchaa  Afrikaa   waggaa 17 gadii  darbuuf   morkatti


   Sadaasa23/2018(TOI ) –Gareen biyyoolessaa  Itiyoophiyaa waggaa 17 gadii  gulaallii  waancaa Afriikaa  Seekaafaa   gitasaa  Keeniyaa   waliin ni  taphata. 
Taphni garee  lamaanii   guyyaa har’aa sa’aatii  6:00  istaadiyeemii  Abbabaa Biqilaatti  gaggeeffama.  
Gareen biyyoolessaa Itiyoophiyaa  waggaa 17 gadii  Leenjisaa Lammii Ameerikaa  Beenjaamin  Zimerin  durfamu    tapha walakkaa  xumuraan  Yugaandaatti  3 fi 0 injifachuu hordofee  carraa  tapha waancaa Afrikaaf  darbuu osoo hin fayyadamiin hafeera. 



Garichi  har’a tapha  Keeniyaa waliin taphatu  yoo  mo’ate Waancaa Afriikaaf darbuusaa  mirkaneeffata.

Itiyoophiya fi Keeniyaan dorgommii  tapha ramaddii  dhumaa tokkoon walitti dhufuun   Itiyoophiyaan galchii   Daawwit Kaasahuun  1 fi 0 lakkoofsiseen injifachuunshee ni yaadatama. 
Itiyoophiyaan yeroo dhumaaf   tapha Waancaa Afrikaa waggaa 17 gadii  irratti kan hirmaatte   A.L.A bara 1997   dorgommii Botisiwwaanaan dhiheessiterratti ture . 
Gareen biyyolessa Itiyoophiyaa wagga 17 gadii   har’a  Keeniyaa waliin  sadarkaa 3ffaaf akkasumas  gara waancaa Afrikaatti darbuuf   tapha murteessaa gaggeessuuf dursee kaleessa  istaadiyeemii  Abbabaa Biqilaatti  shaakallii  taasisuu  Federeeshiniin Kubbaa Miilaa Itiyoophiyaa  beeksiseera. 
Taphni gulaallii  dhumaa guyyaa har’aa sa’aatii 9:30 Taanzaaniyaa fi  Yugaandaa gidduutti gaggeeffama. 
Biyyoonni lamaan  xumuraaf darbuusaanii hordofee  tapha  Waancaa Afrikaa  16ffaa waggaa 17 gadii   A.L.A bara 2026  Morookootti  gageeffamu    irratti  hirmaachuusaanii  mirkaneeffataniiru. 
Biyyoonni lameen gulaallichaan  ramaddii lamaan  kan turan yoo ta’u  tapha walii waliin gaggeessaniin  Taanzaaniyaan  Yugaandaa 2 fi 0 injifachuunshee ni  yaadatama. 
Abbaan murtii biyyoolessaa lammii Itiyoophiyaa  Ifireem Dabalee  tapha xumuraa  Abbaa  murtummaan  gaggeessu.
Gulaalliin  waancaa Afrikaa Seekaafaa  waggaa 17 gadii Keessummeessuu Itiyoophiyaan Sadaasa 6 bara 2018 eegalee gaggeeffamaa ture    har’a xumurama.



Dorgomichaan biyyoonni 1ffaa hanga 3ffaa  bahan   zoonii Seekaafaa bakka bu’anii dorgommii waancaa Afrikaa 16ffaa waggaa 17 gadii qopheessummaa Morookoon  A.L.A  2026  irratti akka  hirmaatan odeeffannoon   Konfedereeshiniin  Kubbaa Miilaa Afrikaa (CAF) mul’isa.
Qopheessummaa Morookoon kan gaggeeffamu Waancaa Morookoo dabalatee  biyyoonni  16 ni hirmaatu.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015