Tamsaasa Kallatti:

Missiraachoon Gubaa piroojektoonni gurguddoo biyyoolessaa, Itiyoophiyaa mallattoo milkaa’ina badhaadhina Afrikaa taasisuuf mul'ata agarsiisudha

Sadaasa 22/2018(TOI)- Missiraachoon Gubaa pirojektoonni gurguddoo biyyoolessaa, Itiyoophiyaa mallattoo milkaa’ina badhaadhina Afrikaa taasisuuf mul'ata agarsiisudha jedhan Ministirri Industirii obbo Malaakuu Alleebal.

Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad Qaam’ee 4 bara 2017 yeroo Hidha Guddicha Haaromsa  Itiyoophiyaa eebbisan, samii Gubaa jalatti pirojektoota biyyaalessaa gurguddoo doolaara biiliyoona 30n fuuldura ijaaraman ifoomsuun isaanii ni yaadatama.

Pirojektoonni gurguddoon biyyoolessaa Itiyoophiyaa Ministirri Muummee beeksisan ijaarsa niwukilaraa nagaa, warshaa boba’aa qulqulleessu, warshaa gaazii uumamaa, buufata xiyyaaraa guddaa, manneen miliyoona 1 tuqaa 5, ijaarsa warshaa xaa’oo kan dabalatudha.

Ministirri Industirii obbo Malaakuu Alleebal Pirojektoonni Biyyoolessaa missiraachoo Gubaa galmoota misoomaa gurguddoo badhaadhina Itiyoophiyaa gara fuula duraa murteessan ta’uu ibsaniiru.

Keessattuu jijjiirama dameelee saffisiisuun baasii sharafa alaa ol’aanaa Itiyoophiyaan baastu hambisuun, oomishtummaa bakka bu’ummaa biyya keessaa biyyattii fooyyessuu keessatti gahee olaanaa akka gumaachan ibsaniiru.

Warshaaleen xaa’oo biyyee fi gaazii uumamaa oomishtummaa qonnaa Itiyoophiyaa fooyyessuu, jijjiirama industirii saffisiisuu, wabii nyaataa fi fayyadamummaa  lammiilee mirkaneessuuf gumaacha olaanaa akka taasisan ibsaniiru.

Warshaan boba’aa qulqulleessuu fi pirojektoonni anniisaa niwukilaraa nagaa Itiyoophiyaan qabeenya uumamaa ishee fayyadamuun guddinaa fi badhaadhina ishee mirkaneessuu danda’u akka ijaartu kan dandeessisu ta’uu ibsaniiru.

Humna niwuukilaaraa nagaa hojiirra oolchuun guddina diinagdee biyyaa saffisiisuuf shoora olaanaa qaba jedhan.

Missiraachoon Gubaa pirojektii biyyaalessaa doolaara biiliyoona 30 kun Itiyoophiyaan fakkeenya badhaadhina Afrikaa akka taatuuf mul’ata ishee galmaan ga’uuf gumaacha olaanaa qaba jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015