Ayyaanichi tokkummaa sab-daneessummaa cimsuun ijaarsa biyyaaf qooda olaanaa gumaacheera - Af-yaa’ii Aganyoo Tashaagar - ENA Afaan Oromoo
Ayyaanichi tokkummaa sab-daneessummaa cimsuun ijaarsa biyyaaf qooda olaanaa gumaacheera - Af-yaa’ii Aganyoo Tashaagar
Sadaasa 22/2018(TOI)-Ayyaanni sabaa, Sab-lammootaa fi uummattootaa kabajamuun tokkummaa sab-danessummaa cimsuun ijaarsa biyyaaf qooda olaanaa gumaacheera jechuun Af-yaa’iin Mana maree Federeeshinii Aganyoo Tashaagar dubbatan.
Guyyaan Ayyaana sabaa, sab-lammootaa fi uummattootaa Itiyoophiyaa 20ffaan sadarkaa Naannoo Oromiyaatti Godina Gujii Lixaa Magaalaa Bulee Horaatti dammaqinaan kabajameera.
Sirna kabaja ayyaanichaarratti kan argaman Af-yaa’iin Mana maree Federeeshinii Aganyoo Tashaagar akka dubbatanitti ayyaanichi Itiyoophiyaanonni waloon jiraachuuf kan waliif galanii fi waggaa waggaan duudhaa Aadaasaanii adda baabaayiitti kan ibsanidha.
Kunis Sirni Federaalaa cimaan akka jiraatu gochuun tokkummaa sab-daneessummaa cimsaa ijaarsa biyyaaf qoda olaanaa gumaachuu dubbataniiru.
Ayyaanichi waltti hidhaminsa waloo haala cimsuun sadarkaa sadarkaan kabajamee Sadaasa 29 bara 2018 sadarkaa biyyoolessaatti naannoo giddugala Itiyoophiyaa Magaalaa Hosaa’inaatti akka kabajamu kaasaniiru.
Af-yaa’iin Caffee Oromiyaa Sa’aadaa Abdurahimaan gamasaaniin, Ayyaanichi naannichatti tokkummaa sab-daneessummaa fi walitti hidhaminsa haala cimsuun kabajamaa turee har’a xumurmuu ibsaniiru.
Ayyaanichi saboonni, sab-lammoonnii fi ummattoonni Aadaa fi duudhaasaanii beeksisuurra darbee tokkummaa sab-daneessummaa caalaatti cimsuuf waadaasanii kan itti haaromsan ta’uu dubbataniiru.
Keessumaa Ayyaanichi Hidhi Haaromsaa Guddichi Itiyoophiyaa xumuramee pirojektoonni gurguddoo hedduun yeroo eegalamanitti kabajamuun misooma biyyaaf waloon dhaabbachuun irra deebuun gamtooma keenya kan itti cimsinudha jedhaniiru.
Bulchaa Godina Gujii Obbo Abdullaahii Hirbaayyee, Godinichatti Jijjiiramaa boodaa eegalee qabeenya jiran gara misoomaatti jijjiiruun fayyadamummaa hawaasaa guddisaa jira jedhaniiru.
Keessumaa buna dabalatee midhaan zayitaa biroo akkasumas misooma horii gaafaan, hojiiwwan bu’aa qabeessa ta’an Godinichatti raawwatamuusaanii kaasaniiru.
Ayyaanichi sadarkaa Naannootti Godinichatti kabajamuun qabeenya Naannichaa beeksisuurra darbee misooma eegalaman cimsuuf qooda olaanaa qaba jedhaniiru.