Tamsaasa Kallatti:

Waajjirri Giiftii Duree deeggarsa meeshaalee qaama miidhamtootaa fi manneen barnootaaf kenne

Sadaasa 22/2018(TOI)-Waajjirri Giiftii Duree Zinnaash Taayyaachoo qaama miidhamtootaaf wiilcheerii 20 manneen barnootaa lamaaf meeshaalee minii-miidiyaa, akkasumas pirojektoota ispoortii 20f meeshaalee ispoortii deeggarsa kenne.

Kanaan dura Waajjirri Giiftii Duree ijaarsa manneen barnootaa fi dhiyeessii galteewwan barnootaaf deeggarsa taasisuu yaadachiisaniiru itti Aanaan Kantiibaa Bulchiinsa Magaalaa Gondar obbo Chaalaachoo Daanyee.

Deeggarsi har’a taasifame kun qaama miidhamtoonni iddoo tokko irraa gara iddoo birootti akka socho’an kan gargaaru akkasumas mana barumsaa deemuun barnoota isaanii itti fufinsaan akka hordofaniif carraa mijataa akka uumu gargaara jedhani.

Kanaaf deeggarsa Waajjirri Giiftii Duree taasise galateeffataniiru.

Deeggarsi hidhannoo ispoortii dargaggoota pirojektoota ispoortii 20 magaalattii keessatti hirmaataniif iddoo guddaa qaba jedhan itti Gaafatamaan Waajjira Dargaggootaa fi Ispoortii Bulchiinsa Magaalichaa obbo Maaruu Mohaammad.

Fayyadamtoota deeggarsa wiilchariin taasifame keessaa aadde Itayyee Kaasaa fi obbo Maaruu Mangistuu yaada kennaniin, sababa balaa uumamaatiin waggoota dheeraaf mana keessa turuuf dirqamne jedhan.

Bitachuu dadhabuu irraa kan ka’e wiilchariitti fayyadamuu akka hin dandeenye himuun, deeggarsi wiilcharii isaaniif taasifamuun isaa bakka tokko irraa gara bakka barbaadaniitti socho’uun hojjetatanii of danda’uu akka isaan gargaaru ibsaniiru.

Walharkaa fuudhinsa deeggarsa kanarratti hoggantoonni bulchiinsa magaalichaa fi keessummoonni waamichi taasifameef argamaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015