Bakkeewwan hawata turizimii fi aadaawwan hedduu Hararitti argine nu ajaa’ibsiiseera- Ambaasaaddarootaa fi bakka bu'oota dhaabbilee idil-addunyaa - ENA Afaan Oromoo
Bakkeewwan hawata turizimii fi aadaawwan hedduu Hararitti argine nu ajaa’ibsiiseera- Ambaasaaddarootaa fi bakka bu'oota dhaabbilee idil-addunyaa
Sadaasa 22/2018(TOI)- Bakkeewwan hawwata turizimii fi aadaawwan hedduu Hararitti argine nu ajaa’ibsiiseera jechuun ibsan Ambaasaaddaroonni fi bakka bu'oonni dhaabbilee idil-addunyaa Harar daawwatan.
Hararii fi kutaalee biyyattii adda addaatti pirojaktiin misoomni koriidaraa hojjetamaa jiran dinqisiisoo ta’uu daawwattoonni himan.
Jilli ambaasaaddarootaa fi bakka bu’oota dhaabbilee idil-addunyaa Ministira Tuurizimii Salaamawwit Kaasaan durfamu dhiheenya kana bakkeewwan hawwata turizimii magaalaa Harar daawwateera.
Bakkeewwan hawata turizimii adda addaa Harar, Golambaa, Hambaalee Saba Hararii, ogummaa ijaarsa manneen durii, ogummaa harkaa fi bobbocni hawaasaa wantoota daawwattoonni irratti xiyyeeffatan ta’uu ibsameera.
Ambaasaaddaroonnii fi miseensonni jilli idil-addunyaa yaada isaanii TOIf kennan hojii deebisanii misoomsuu ajaa’ibsiisaa bakka hambaa addunyaa kan ta’e Jagoolii fi magaalaa Hararitti hojjetame dinqisiifachuu isaanii ibsaniiru.
Itiyoophiyaatti Ambaasaaddarri Ruwaandaa Juuliyaa Paataakii akka jedhanitti, hambaa idil addunyaa kan ta’e Jagool haaromsa isaaf taasifameen daran miidhageera.
Hojiin haaromsaa fi suphaa xiyyeeffannoo daawwattootaa hawachuu danda’u ta’ee kan hojjetame ta’uu eeruun, hojiin akkanaa cimee itti fufuu akka qabu ibsaniiru.
Itiyoophiyaatti Ambaasaaddarri Indooneezhiyaa Faayizaal Cheerii Sidaaraataan, bakkeewwan seena qabeessaa fi durii magaalaa Harar keessatti argaman daawwachuu fi kunis baay’ee akka isaan ajaa’ibe himaniiru.
Itiyoophiyaatti Daarektarri Olaanaa Qunnamtii Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti, Dhaabbata Barnootaa, Saayinsii fi Aadaa (UNESCO) doktar Riitaa Bisunaatii hambaa seenaa Harar of keessaa qabu caalaatti daawwachuun kan malu ta’uu ibsuun, daawwannaa gammachiisaa taasifneerra jedhaniiru.