Tamsaasa Kallatti:

Misoomni Koriidaraa Magaalota  Jireenyaaf  Mijatoo, miidhagoo fi  dorgomtoota akka ta’an gochaa jira- Ministeera Magaalaa  fi Bu’uuraalee misoomaa 

Sadaasa 22/2018(TOI)-Misoomni koriidaraa Sadarkaa Biyyoolessaatti hojjetamaa jiran   magaalota jireenyaa fi hojiif mijatoo, Miidhagoo fi dorgomaa akka ta’an gochaa  jiraachuu Ministeerri magaalaa fi bu’uuraalee misoomaa ibse.

De’eetaan Ministira Magaalaa fi bu’uuraalee Misoomaa Fantaa Dajan TOI’f akka  ibsanitti, Mootummaan Magaalota  jireenya lammiileef Mijatoo gochuurra darbee  dorgomaa akka ta’aniif  xiyyeeffannoo addaan hojjechaa jira. 

Keessumaa hojiin magaalotaa daa’immanii fi Manguddooaaf  mijataa  gochuuf  bal’inaan hojjetamaa jira.

Kanaanis magaalonni hojiiwwan misooma qabeenya  uumamaa fi nam-tolchee qaban  sirnaan fayyidaarra akka oolchan hojjetama kan eeraman ta’uu  ibsaniiru.

Akkasumas bakkeewwan magariisaa eegsisuuf , lafa seeraan ala  dalleeffamanii taa’an  hojiirra akka oolan   haalli dandeessisu  uumamuu   dubbataniiru.

Haa ta’u malee fayyadamummaa haqa qabeessa lammiilee mirkaneessuurra darbee magaalota Ammayyaa’oo fi dorgomaa ijaaruuf misoomni koriidaraa dadammaqinsa guddaa uumuu kaasaniiru.

Yeroo ammaa hojiin misooma koriidaraa naannoolee hundatti magaalota 70 ol ta’anitti  raawwatamaa jiraachuu ibsuun fuulduratti magaalota biyyittii hundatti babal’isuuf  hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.

Hojiiwwan misoomaa kun miidhagina magaalittii kan jijJiiranii fi faayidaa dinagdee fi hawaasummaa guddaa qabaachuu de’eetaan  Ministiraa kun  ibsaniiru.

Misoomni koriidaraa magaalonni  jireenyaa fi hojiif mijatoo  akka  qabaataniif  akkasumas hawwattuu fi miidhagdu akka  ta’an gochuu eeruun dorgommiinsaanii  guddachaa dhufuu dubbataniiru.

Fakkeenyaaf magaalaa Finfinnee ammayyooftuu, miidhagduu fi dorgomtuu gochuun  waltajjiiwwan idil-Addunyaa  keessummeessuuf filatamtuu duraa akka  taatu  dandeessisuu ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015