Inistiitiyuutiin saayinsii hawaa fi Ji’oospaashaalii buufataalee itti fufiinsaan odeeffannoo Saatalaayitiirraa fudhatan hojii eegalchiise - ENA Afaan Oromoo
Inistiitiyuutiin saayinsii hawaa fi Ji’oospaashaalii buufataalee itti fufiinsaan odeeffannoo Saatalaayitiirraa fudhatan hojii eegalchiise
Sadaasa 22/2018(TOI)-Inistiitiyuutiin saayinsii hawaa fi Ji’oospaashaalii buufataalee itti fufiinsaan odeeffannoo Saatalaayitiirraa fudhatan kan Finfinnee fi naannoleerratti dhaabaman ifatti hojii eegalchiiseera.
Ministeera Misooma Magaalaa fi Bu’uuraalee misoomaatti deetaa mistiraa kan ta’an Fantaa Dajan buufataaleen har’a hojii eegalan jijjiirama magaalota keessatti galmaa’aa jiru cimsuuf gumaacha olaanaa taasisuu isaaniis hubachiisaniiru.
Keessattuu magaalota pilaaniin bulchuu fi lafa magaalota keessatti lakkaa’ee galmeessuu, haqaan bulchuu fi qorannoo sirrii ta’uu mirkaneessuu keessatti faayidaa akka qabu ibsaniiru.
Kenniinsa murtee ragaa irratti hundaa’e hojjechuunii fi fayyadamtoonni haala salphaa ta’een tajaajila akka argatan kan taasisu dha jedhaniiru.
Gara fuula duraatti Ministeerri Magaalaa fi Bu’uuraalee Misoomaa Buufataalee osoo adda hin kutiin odeeffannoo saatalayitii irraa kan fudhatan, ykn ‘’Continious Operating Reference Station (CORS)’’ 14 ijaaruuf hojjechaa jiraachuu ibseera.
Deetaan Ministira Innooveeshinii fi Teekinooloojii Muluqan Qaree gama isaaniin akka jedhanitti, tarsiimoon dijitaal Itiyoophiyaa 2025 milkaa’ina misooma dijitaalaaf shoora olaanaa bahateera jedhan.
Ijaarsa bu’uuraalee teekinooloojii irratti hojiin bal’aan hojjetamaa jiraachuu hubachiisuudhaan, ministeerichi baay’ina buufataalee saatalaayitii irraa ragaa fudhatan babal’isuuf tumsaan hojjechuu akka itti fufan akeekaniiru.
Buufataaleen odeeffannoo fudhatan har’a hojii kan eegalan kunniin teekinooloojii ammayyaatiin kan guutaman ta’uu daarektarri olaanaa Inistityuutii Saayinsii Hawaa fi Ji’oospashaalii doktar Abdiisaa Yilmaa ibsaniiru.
Dabalataan buufataaleen kunniin, ogeessota pilaaniif, qorattootaaf, xiinxaltoota sodaa balaaf, ogeeyyii teessuma lafaaf fi tajaajila addaaf ogeessota kaartaa qopheessaniif odeeffannoo yeroo qabatamaa akka argatan kan dandeessisan ta’uu ibsaniiru.
Dameewwan qonnaa, industirii, albuudaa fi dameewwan diinagdee biroo ammayyeessuun odeeffannoo gahaa kennuunis bu’aa guddaa akka qabaatan eeraniiru.