Tamsaasa Kallatti:

Dursaan Liigichaa Bunni Sidaamaa Baankii Daldala Itiyoophiyaa waliin taphata   

Sadaasa 22/2018(TOI)-Tapja Piriimer Liigii Itiyoophiyaa torban  8ffaan  oolmaasaa guyyaa 2ffaan taphoonni  sadii ni gaggeeffamu. 
Sagantichaan Taphni  Bunni Sidaamaa  Baankii Daldala Itiyoophiyaa waliin  guyyaa sa’aatii 10:00  Istaadiyeemii Finfinneetti gaggeessan ni eegama. 
Dursaan liigichaa Bunni Sidaamaa tapha liigichaa torba hanga ammaatti gagggeesseen  shan yoo injifatu, yeroo tokko mo’amera. 
Tapha hafe tokkoon  wal -qixa  adda baheera. 
Taphicharratti  galchii 11 yoo lakkoofsisu  galchii  4 keessummeesseera. 
Bunni Sidaamaa qabxii 11 sadarkaa  1ffaa qabateera. 
Injifataan Liigichaa bara 2016 Baankiin Daldala Itiyoophiyaa bara dorgommichaan taphoota 7 gaggeesse keessaa  injifachuu kan danda’e yeroo tokko qofa. 
Yeroo tokko injifatee  yeroo  shan  wal-qixa adda  baheera. 
Galchii 8 yoo lakkoofsisu haaluma wal-fakkaatuun galchii 8  keessummeessera. Baankiin Daldala Itiyoophiyaa  qabxii 8’n sadarkaa 12ffaarratti argama. 
Bunni Sidaamaa yoo injifate dursummaa liigichaa ni cimsa. 
 Faallaasaan Baankiin Daldala Itiyoophiyaa yoo injifate  gara injifannootti  deebi’a.
Sagantaawwan biroon Midiragannat Shireen  magaalaa hawaasaa  waliin guyyaa sa’aatii 7:00 Isaadiyeemii  magaalaa finfinneetti taphatu. 
Midiragannat Shireen bara  dorgommichaatti  taphoota  7 gaggeesseen  lama injifatee  , yeroo lama injifatamee, yeroo  sadii qixa  baheera. 
Galchii 6 yoo lakkoofsisu, galchii  shan  keessummeesseera. Garichi  qabxii  9 sadarkaa 10ffaa qabateera. 
Morkataansaa Magaalaan Hawaasaa taphoota liigichaa 7 gaggeesse keessaa  4 yoo injifatu  yeroo  lama  mo’ameera. 
Tapha biroo 1‘n  qabxii qooddateera. 
 Taphoota 7 keessaa   galchii 9  yoo  lakkoofsisu   galchii  5 keessummeesseera. 
Magaalaan Hawaasaa  qabxii 13n sadarkaa  4ffaa qabateera .
Bunni Itiyoophiyaa  Hadiyaa Hosaa’inaa  waliin  guyyaa sa’aatii  10:00 Istaadiyeemii  yuunvarsiitii hawaasaatti taphasaanii gaggeessu. 
Bara dorgommichaatti taphoota 7 gaggeesse keessaa lama kan injifate bunni Itiyoophiyaa yeroo 4 mo’ameera. 
Yeroo  tokko  qixa adda baheera. 
Taphichaan galchii 6 yoo lakkoofsisu   galchii 8  keessummeesseera.  
Bunni Itiyoophiyaa  qabxii 7n sadarkaa 15ffaarratti argama. 
Liigichatti Hadiyaa Hosaa’inaan  kan injifate  tapha tokko  qofa.  
Yeroo  lama mo’amee  taphoota hafan 3 qixaan adda deebi’eera. 
Galchii 5 yoo lakkoofsisu , galchii  7 keessummeesseera.  
Garichi  morkataasaan  qaxii 7 qixa  argatee  qabxiin caalamee  sadarkaa  16 qabateera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015