Guyyaan sabootaa, sablammootaa fi ummattootaa 20ffaan sadarkaa naannoo Oromiyaatti magaalaa Bulee Horaatti kabajamaa jira - ENA Afaan Oromoo
Guyyaan sabootaa, sablammootaa fi ummattootaa 20ffaan sadarkaa naannoo Oromiyaatti magaalaa Bulee Horaatti kabajamaa jira
Sadaasa 22/2018 (TOI)- Guyyaan sabootaa, sablammootaa fi ummattootaa 20ffaan sadarkaa naannoo Oromiyaatti bakka af-yaa’iin mana maree federeeshinii Aganyoo Tashaagar argamanitti magaalaa Bulee Horaatti kabajamaa jira.
Af-yaa’iin mana maree federeeshinii Aganyoo Tashaagar, Af-yaa’iin Caffee Oromiyaa Sa’aadaa Abduraahimaan dabalatee hoggantoonni mootummaa olaanoo akkasumas bakka bu’oonni sabootaa, sablammootaa fi ummattootaa ayyaanicharratti argamaniiru.
Ayyaanichi mata duree “waliigalteen demokiraatawaa tokkummaa sabdaneessummaaf” jedhuun naannichatti qophiilee garagaraan sadarkaa sadarkaan kabajamaa turee har’a sagantaa goolabaa ta’uun beekameera.