Waggoottan jijiiiramaa darbanitti hojiiwwan fooyya’insa invastimantii mijataa taassisan hojjetamaniiru - ENA Afaan Oromoo
Waggoottan jijiiiramaa darbanitti hojiiwwan fooyya’insa invastimantii mijataa taassisan hojjetamaniiru
Sadaasa 22/2018(TOI)-Waggoottan jijjiiramaa darbanitti sirreeffamoota hedduun milkaa’ina qaban haala invastimantii jijjiiruu danda’an hojjetamuu isaanii Komishiniin Invastimantii Itiyoophiyaa beeksise.
Komishinarri Komishinichaa Dr. Zallaqaa Tamasgeen TOI’f akka himanitti, waggoottan 7n darban humna diinagdee Itiyoophiyaa guddisuuf fooyya’insi diinagdee mandhalee diriiree hojiileen hedduun hojjetamaniiru.
Fooyya’insi diinagdee mandhalee dameewwan irratti xiyyeeffatu keessaa tokko baay’ina invastimantii caalaatti guddisuu ta’uu hubachiisaniiru.
Kanaanis dirree invastimantii fooyyessuuf tattaaffiiwwan adda addaa taassifamuu komishinarichi ibsaniiru.
Isaan keessaa fooyya’insa seeraa taassisuun haala invastimantii naannoo xiyyeeffannoo keessa galchuunii fi invastimantii ifa ta’etti jijjiiruuf kan dandeessisan fooyya’insa seeraa 120 ol ta’an raawwatamaniiru jedhan.
Fooyya’insicha hordofuun sektaroonni hedduun waggoota dheeraaf dureeyyii alaaf cufaa kan turan banaa taassisuun akka hirmaatan taassifameera jedhaniiru.
Gama birootiin, Iityoophiyaan miseensa Dhaabbata Daldala Addunyaa ta’uuf tattaaffiin taasiftu miseensummaan ishee yoo mirkanaa’eef, sochiin invastimantii ishee daran akka dabaluu danda’us hubachiisaniiru.
Dabalataanis yeroo dhihoo kana gara hojiitti kan gale daldalli riijinii bilisaa Afriikaa guddina baay’ina invastimantiif qooda olaana qabaachuu hubachiisaniiru.