Tamsaasa Kallatti:

Konfiraansiin Qonna Dijitaalaa jalqabaa Gamtaan Afrikaa qophaasse har'a magaalaa Finfinneetti eegala

Sadaasa 22/2018(TOI)- Konfiraansiin Qonna Dijitaalaa jalqabaa Gamtaan Afrikaa qopheesse magaalaa Finfinnee waajjira muummee gamtichaatti har’aa eegalee akka gaggeeffamu himameera.

“Innoveeshinii fi malawwan dijitaalaa fayyadamuun damee qonnaa fi magariisaa cimaa ijaaruun mul’ata egeree Afrikaa milkeessuu” mata duree jechuun gaggeeffama.

Oomishtummaa qonnaa guddisuu, tajaajila eksiteenshinii qonnaa dijitaalaa, teekinooloojii fi innoveeshinii qonnaa, dhaqqabummaa gabaa, sonawwan dhaqqabamummaa gatii cimsuu, mala oomishtummaa qonnaa fi jijjiirama qilleensaa dandamachuu ijaaruu waliin walqabsiisu fudhachuu, imaammata qonnaa fi bu’uuraalee seeraa hojiirra oolchuun ajandaawwan konfiraansichaa irratti mari’atamudha.

Konfiraansichi marii ce’umsa beekumsaa fi imaammataa irratti kan xiyyeeffatu yoo ta’u, muuxannoon milkaa’ina eksiteenshinii qonnaa biyyoota hirmaattotaas ni dhiyaata. 

Afrikaa keessatti dhaqqabamummaa malawwan qonnaa dijitaalaa deeggaran, tarsiimoo adda baasuu fi tumsa cimsuun bu’aa guddaa konfiraansicha irraa eegamu ta’uu odeeffannoon Tajaajilli Oduu Itiyoophiyaa Gamtaa Afrikaa irraa argate ni mul’isa.

Konfiransichi tarsiimoo qonna dijitaalaa biyyoota Gamtichaaf, Gamtaan Afrikaa akka lakkoofsa warra faranjootaa bara 2024 raggaassise hojiirra oolchu guddisuuf tattaaffii taasifamaa jiru keessaa tokko ta’uu ibsameera.

Gamtichi tarsiimoon qonnaa Ajandaa 2063 fi karoora misooma yeroo dheeraa Afrikaa waliin kan walsimu ta’uu ibseera.

Tarsiimoon kun teeknooloojii odeeffannoo fi quunnamtii (ICT) fayyadamuun gabaa dijitaalaa biyyoota Afrikaa ijaaruu fi qonna galmoota misooma dijitaalaa fi itti fufiinsa qabu Afrikaa waliin walquunnamsiisuu kan jedhu mul’ata qabu dha.

Waltajjiin kun hanga Sadaasa 24/ 2018tti kan turu yoo ta’u, qondaaltota mootummaa olaanoo fi imaammata baastonni biyyoota Afrikaa, qorattoonnii fi saayintistoonni qonnaa, ogeeyyii teeknooloojii, qonnaan bultoonnii fi dhaabbilee qonnaan bultootaa, dhaabbilee qo’annoo fi qorannoo, abbootii qabeenyaa, michoota misoomaa fi qooda fudhattoonni biroo ni hirmaatu.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015