Gaaffiin mirga abbummaa ulaa galaanaa Itiyoophiyaa ajandaa uummata hundaa kan dantaa biyyaalessaaf dursa kenne dha - ENA Afaan Oromoo
Gaaffiin mirga abbummaa ulaa galaanaa Itiyoophiyaa ajandaa uummata hundaa kan dantaa biyyaalessaaf dursa kenne dha
Sadaasa 19/2018(TOI)- Hoggantoonni paartilee morkattootaa magaalaa Gondar keessa socho’an gaaffiin mirga abbummaa ulaa galaanaa Itiyoophiyaa ajandaa yeroo ammaa kan dantaa biyyaalessaaf dursa kennee fi komii bara dheeraa uummata hundaaf furmaata kennu ta’uu ibsaniiru.
Tajaajilli Oduu Itiyoophiyaa dhimma kana irratti isaan dubbise paartiileen morkattootaa magaalaa Gondar keessa socho’an mirgi abbummaa ulaa galanaa gaaffii sirriifi ajandaa uummata hundaa kan ta’e dantaa biyyaalessaaf dursa kan kenne ta’uu ibsaniiru.
Miseensi hoggansa Paartii Warraaqsa Uummata Itiyoophiyaa obbo Kaasaa Ballaxaa Itiyoophiyaan ulaa galaanaa akka dhabdu tarkaanfiin taasifame shira biyyattii dadhabsiisuudhaaf taasifame ta’uu dubbatani.
Gaaffiin mirga abbummaa ulaa Galaanaa dantaa biyyaalessaaf dursa kan kenneefi dhimma jiraachuufi jirachuu dhabuuti jedhaniiru.
Gaaffiin mirga abbummaa ulaa Galaanaa dhimma lammiilee Itiyoophiyaa hundaa ta’uu kan himani immoo itti aanaan Pireezidaantii Paartii Dimookiraatawaa Qimaantii Taganuu Darajjeeedha.
Itti gaafatamaan Paartii Dimokiraatawaa Hibir Itiyoophiyaa Damee Naannoo Amaaraa obbo Mokonnon Birhaan dhimmi mirga abbummaa ulaa Galaanaa ajandaa yeroo ammaa fi uummataa ta’uu hubachiisaniiru.
Itti dabaluun, Itiyoophiyaan waggoota 30 oliif Galaana Diimaa irraa fagaattee turte yeroo ammaa gara qe’ee isheetti deebi’uuf sadarkaa seena qabeessa ta’e irra geesseetti jedhan.