Tamsaasa Kallatti:

Lafa sababa adda addaan miidhame xaa’oo uumamaan wal’aanuun oomishtummaa guddisuu dandeenyeerra – Qonnaan  Bultoota

Sadaasa19/2018(TOI)- Lafa sababa adda addaan miidhame xaa’oo uumamaan wal’aanuun oomishtummaan isaa akka dabalu taasisuun fayyadamummaa isaanii guddisaa jiraachuu   qonnaan  bultoonni Godina Wallagga  Lixaa  ibsan.

Qonnaan bultoonni aanaa Gimbii Jiraatan Wandimmuu Baqqalaa fi Akkumaa Caalii  gorsa ogeeyyii qonnaa  hojiirra oolchuun  misooma jallisii Bonee fi  qonna Gannaaf kan ta’u xaa’oo uumamaa baalaa fi hafteewwan adda addaa irraa qopheessuu ibsaniiru.

Lafa bara darbe sababa adda addaan miidhame  xaa’oo uumamaan wal’aanuun oomishtummaa isaanii guddisuu akka  danda’an  himaniiru.

Xaa’oo uumamaa xaa’oo biyyee waliin makuun oomishtumma dabaluu danda’uu fi  baasii xaa’oo biyyee bituuf baasan isaaniif hambisuu dubbataniiru.

Waajjira Qonnaa Godina Wallagaa Lixaatti Dursaan Garee Fooyya’insa Misooma Biyyee obbo Wandimmuu Ittafaa  gamasaaniin, Godinichatti lafa qonnaa  sabaaba adda addaan  miidamee Asiidawaa ta’e  mala xaa’oo uumamaan hojiin lafa qonnaa wal’aanuu hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.

Qonnaan bultoonni lafa asiidawaa xaa’oo uumamaa harmii kompoostii fi nooraa adiin akka wal’aananiif hubannoon uumameeraaf jedhan.

Kunis qonnaan bultoonni baasii xaa’oo biyyeef baasan hambisuun dabalatatti, biyyeen wal’aanamuun gabbina biyyeef shoora olaanaa bahachaa jiraachuu eeraniiru.

Bara bajataa kanatti Godinichi xaa’oo uumamaa meetir kuubii miiliyoona 21 qopheessuuf kan karoorfate yoo ta’u, gara meetir kuubii miiliyoona 18 qopheessuu akka danda’e ibsaniiru.

Kunis lafa heektaara kuma 596 misoomsuuf kan dandeessisu ta’uu ibsuun, qonnaan bultoonni kuma 383 ol qophii xaa’oo uumamaa irratti hirmaachuu isaanii ibsaniiru.

#Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa

#TOI

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015