Tamsaasa Kallatti:

Baankiin biyyaalessaa Itiyoophiyaa eyyama hojii waajjira bakka bu’aa baankii Istaandardi haaromse

Sadaasa 19/2018(TOI)- Baankiin biyyaalessaa Itiyoophiyaa akkaataa labsii hojii baankii fooyya’eetiin eyyama hojii waajjira bakka bu’aa baankii Istaandardi Finfinneetti argamuuf eyyama hojii haaraa kenneera.

Akkaataa labsii haaraatiin itti waamamni baankiiwwan biyya alaa baankii biyyaalessaa Itiyoophiyaaf ta’eera.

Haala Kanaan kana booda eyyama waajjiraalee bakka bu’aa baankiiwwan biyya alaa kan haaromsuu fi olaantummaan kan to’atu baankii biyyaalessaati.

Kanaan dura hojii fi itti gaafatamni kun ministeera daldalaa fi walitti hidhamiinsa riijiniif kennamee akka ture ni beekama.

Akkaataa labsii haaraatiin kana booda iyyaannoo haaraa dhihaatan qoratee eyyama kan kennu itti gaafatama baankii biyyaalessaa ta’uu baankiin biyyaalessaa ibseera.

Qoodni waajjiraalee bakka bu’aa qorannoo gabaa gaggeessuu, beeksisuu fi walitti hidhamiinsa uumuu qofa waan ta’eef, tajaajila baankii kennuuf aangoo akka hin qabne ta’uun himameera.

#Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa

#TOI

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015