Tamsaasa Kallatti:

Nageenya, Tokkummaa fi Badhaadhina Afrikaa mirkaneessuuf ijaarsi sirna heera mootummaa fi ijaarsi mootummaa bu’a qabeessa ta’e barbaachisaa dha

Sadaasa 19/2018(TOI)- Nageenya, Tokkummaafi Badhaadhina Afrikaa mirkaneessuuf ijaarsi sirna heera mootummaa fi ijaarsi mootummaa bu’a qabeessa ta’e barbaachisaa ta’uu pireezidaantiin FDRI Taayyee Atsqasillaaseen himaniiru.

Simpooziyeemii Idil Addunyaa 4ffaan Manneen Murtii Heera Mootummaa Afrikaa fi dhaabbilee kana fakkaatan irratti xiyyeeffate magaalaa Finfinneetti adeemsifamaa jira.

Pireezidaanti Taayyee Asqasillaaseen haasaa baniinsaa taasisaniin sirni heera mootummaa seera baasuu qofa osoo hin taane, olaantummaa seeraa kabachiisuu, itti gaafatamummaa mirkaneessuu, mirgoonni bu’uuraa akka kabajaman taasisuudha jedhan.

Heerri mootummaa sirna aangoo siyaasaa itti gaafatamummaan akka hojiirra oolu eeyyamu diriirsuuf kan yaadame ta’uu ibsaniiru.

Afriikaan bulchiinsa heera mootummaa diriirsuuf tattaaffii taasiftu keessatti qormaatileen adda addaa akka ishee mudachaa jiranis hubachiisaniiru.

Aangoo argachuuf sirna heera mootummaafi filannoo uummataatti amanuurra, karaa fonqolcha mootummaafi hokkaraan qofa jedhanii yaaduun rakkoolee Ardii Afrikaa mudatan keessaa tokko ta’uu eeraniiru. 

Akkasumas tasgabbii dhabuun siyaasaa, gahumsa dhabuu dhaabbilee fi aangoo heera mootummaa hin hordofne gonfachuun imala heera mootummaa ardii kanaaf qormaata ta’uu ibsaniiru.

Itiyoophiyaan gama kanaan biyya muuxannoo addaa qabdu ta’uu hubachiisuun, sirnoonni seera mootii fi bulchiinsaa kan biyya keessaa abbootiin  hojiirra oolchaa ittiin walbulchaa turan, kanneen akka sirna Gadaa keessa turan seera sirna guddaa hawaasni ittiin bulaa akka jiran hubachiisaniiru.

Itiyoophiyaan biyya jaarraa 20 irraa jalqabdee heera mootummaa mataashee qabdu ta’uu eeraniiru.

Afrikaa nuti hawwinu, kan nagaa fi badhaadhinni ishee mirkanaa’e uumuuf dhaabbilee mootummaa haqa qabeessaa fi amanamummaan tajaajilan ijaaruun barbaachisaa ta’uu cimsanii dubbataniiru.

Kanaafis ijaarsi sirna heera mootummaa gahee olaanaa akka qabu eeruun, barnoonni lammummaa fi sirni kenniinsa haqaa cimuu akka qabu ibsaniiru. Nagaa, tokkummaa fi badhaadhina ardii kanaa mirkaneessuuf ijaarsi sirna heera mootummaa fi mootummaa bu’a qabeessa ta’e murteessaa waan ta’eef, namni hundi xiyyeeffannoo kennuu akka qabu ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015