Naannichatti dhiheessii galtee Misooma Qamadii jallisii Bonee milkeessuu dandeessisu raawwatameera. - ENA Afaan Oromoo
Naannichatti dhiheessii galtee Misooma Qamadii jallisii Bonee milkeessuu dandeessisu raawwatameera.
Sadaasa19/2018(TOI)-Naannoo Oromiyaatti Dhiheessii galtee Misooma Qamadii jallisii Bonee milkeessuu dandeessisu yeroon raawwatamuu Biiroon Qonna Naannichaa ibse.
Itti Aanaan Biiroo Qonnaa Naannichaa Barisoo Fayisaa TOI’f akka ibsanitti, misoma qamadii jallisii bara kanaaatiin lafa hektaara miiliyona 4 ol facaasuuf hirmaannaan taassifamaa jira.
Kunis naannichatti nyaataan of dhanda’uuf inisheetivoota bocaman keessaa ta’uu kan kaasan hogganaan kun hojicha milkeessuuf galtee fi teekinooloojiiwwan qonnaan bulaaf rabsamuusaa dubbataniiru.
Naannichatti waggoottan darban omishaa fi omishtummaa guddisuuf filannoowwan bishaanii fayyadamuu fi waqtii osoo hin eegiin omishuuf misooma jallisiif xiyyeeffannoon kennamuu ibsaniiru.
Fakkeenyaaf wagga darbe lafa hektaara miiliyoona 2 irratti qamadii jallisii boneen misoomsuun callaan fooyya’aan argamuu eeraniiru.
Muuxannoo bara darbe argame fayyadamuun misooma qamadii jallisii bara kanaa lafa hektaara miiliyoona 4 ol irratti misoomsuuf hirmaannaan taassifamuu dubbataniiru.
Misooma hanga ammaatti lafti hektaara miiliyoona 1 tuqaa 9 qophaa’uu fi galteewwan omisha guddisanii fi sanyii filatamaan yeroosaan gonnan bulaa bira qaqqabuu ibsaniiru.
Misooma jallisiif Xaa’oon biyyee kuntaala miiliyoona 3 ol qonnaan bulaaf dhihaachuusaa, dhaabbata sanyii filatamaa fi qonnaan bultoota sanyii bay’isan waliin hidhata uumuun sanyiin filatamaan qamadii dhihaachaa jira jedhaniiru.
Misooma qamadii bonee milkeessuuf misooma biyyee fi xaa’oo uumamaa jiidhinsa fooyyessan qonnaan bulaan bal’inaan akka fayyadamu hubannaan kennamuu ibsaniiru.
Misooma qamadii jallisii bonee kilaastaraan misoomsuuf karoorfamuu fi hojiin qophii hanga baatii muddee dhumaatti xumuruuf duulli taassifamaa jira jedhaniiru.
Kanaafis hoggantoonni naannoorraa eegalee godinaa fi Aanaa jiran hoggantoonni hojii damichaa fi ogeeyyiin hordoffii fi deeggarsa ogummaa taassisaa jiraachuu hubachiisaniiru.