Makaanaayizeeshiniin qonnaa wabii nyaataa mirkaneessuun gumaacha olaanaa taasisaa jira - ENA Afaan Oromoo
Makaanaayizeeshiniin qonnaa wabii nyaataa mirkaneessuun gumaacha olaanaa taasisaa jira
Sadaasa 19/2018(TOI)- Makaanaayizeeshiniin qonnaa carraa oomishaa haaraa babal’isuun wabii nyaataa mirkaneessuun gumaacha olaanaa taasisaa jira jedhan daariktarri Olaanaa Inistiitiyuutii Tiraansifoormeeshinii Qonnaa Itiyoophiyaa doktar Maandafiroo Nuguseen.
Daariktarri olaanaa inistitiyuutichaa doktar Maandafiroo Nugusee turtii TOI waliin taasisaniin, makaanaayizeeshiniin qonnaa hojmaata qonnaa ammayyeessuun oomishaa fi oomishtummaa guddisuu keessatti shoora olaanaa bahachaa jiraachuu eeraniiru.
Damee kana ammayyeessuun oomishaa fi oomishtummaa guddisuuf hojiiwwan hedduun walta’iinsa damee mootummaa fi dhuunfaan hojjetamaa akka jiran ibsaniiru.
Inistiitiyuutichi hojii qorannoo fi qo’annoo misooma qonnaa adda addaatiin oomishtummaa damichaa fooyyessuudhaan bu’aa gaarii galmeessisaa jiraachuus beeksisaniiru.
Wabii nyaataa itti fufiinsa qabuu fi wal irraa hin cinne mirkaneessuuf adeemsa oomishaa hanga maaddiitti mijeessuuf tattaaffiin taasifamaa jira jedhan.
Qonna makaanaayizeeshinii babal’isuun oomishtummaa guddisuu fi oomisha qonnaa qulqullina qabu bal’inaan oomishuuf carraa kan uumu ta’uu ibsaniiru.
Itti dabaluunis, makaanaayizeeshiniin qonnaa carraa oomishaa haaraa babal’isuun wabii nyaataa mirkaneessuun gumaacha olaanaa taasisaa jira jedhan.
Inistiitiyuutichi tiraaktaroota ammayyaa fi kompaayinaroota ammayyaa qonnaan bultootaaf bal’inaan akka dhiyaatan gochuun, hojiiwwan oomishaa fi oomishtummaa guddisan hojjechuusaas eeraniiru.
Kanaanis misooma qamadii Bonaa jallisiin misoomu dabalatee oomishaalee biroo irratti bu’aa olaanaa argamsiiseera jedhan.
Dabalataanis abbootiin qabeenyaa meeshaalee qonnaa hedduumminaan biyya alaatii galchuunii fi qonnaan bultootaaf dhaqqabamaa akka taasisan hojjetamaa jiraachuu beeksisaniiru.
Gara fuula duraatti, meeshaalee qonnaa biyya keessatti walitti suphuun(assemble) gochuun, qonnaan bultoonni haala bittaanis ta’e, kiraatiin akka argatan gochuun ni hojjetama jedhan.