Tamsaasa Kallatti:

Sirna soorataa fayyaa qabeessa


Yeroo soomanaa fi soomanaan alaa sirni soorataa jiru fayyumaa qaamaa irratti dhiibbaa mataasaa waan qabuuf sirnaan taa’uu akka qabu  ni gorfama.

Soomanni fayiidaa saayiniin deeggarame kan qabuu fi qaama fayyaa  keessaa tokko  ta’aa dhufuusaa. Yuunvarsiistii Diillaatti Barsiisaan fi qorataa saayinsii nyaataa fi niwutiriishinii fi barreessaa kan ta’an Yihunee  Ayyalaa TOI’f ibsaniiru.

Dabalataanis dhukkuba hedduurraa of eeguun jireenya fayyaa qabeessa gaggeessuuf akka gargaaru beekuun qaama jireenya ta’ee beekamaa dhufuu hubachiisaniiru.

Yeroo soomanaa qaamni keenya of qulqulleessa, kunis kallattii hedduun jireenya fayyaa qabeessa jiraachuuf gargaara jedhaniiru.

Dhukkuboota daddarboo hin taane ittisuuf soomanni faayidaa guddaa qabaachuu qorannoowwan damichaan gaggeeffaman agrsiisuusaanii kaasaniiru.

Ulfaatinaa fi cooma qaama keessatti kuufame hir’isuuf, dhiibbaa dhiigaa cimaa akkasumas hanga sukkaaraa  to’achuuf soomanni mala jireenyaa  tokko ta’aa jira jedhaniiru.

Gama biroon yeroo soomanaa qaamni keenya waan dadhabuu fi dhangala’aa barbaadu waan dhabuuf soorata salphaatti daakamanii fi  nyaata dhangala’aa qaamni keenya barbaadu fayyadamuu akka qabnu gorsaniiru.

 Bu’uuruma Kanaan soomana booda yeroo nyaatni nyaatamu kanneen akka cuunfaa, shoorbaa, saliixii, suufii, talbaa, nuugii fi kuduraawwan adda addaa fayyadamuun barbaachisaadha jedhu.

Akkasumas midhaan dheedhii qabiyyee pirootiniin badhaadhan (Baaqelaa, Atara, missiraa) sirnaan bilcheessuun fayyadamuun akka  gorfamu kaasaniiru.

Soomana hiikuun dura (nyaata dura bishaan dhuguu ) kutaa qaamaa goginsa qabu akka jiidhu fi bullaa’insa nyaataaf qooda olaana qabaata jedhaniiru.

Hanga danda’ame nyaata gosa adda addaa nyaachuun qabiyyee nyaataa tokko hin qabne, isa biroorraa waan argamuuf haala Kanaan soorachuun akka gorfamu hubachiisaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015