Tamsaasa Kallatti:

Dhukkuba Kalee akkamitti ittisuun danda’ama?

Ispeeshaalistii kalee kan ta’an Dr. Lejaa Hamzaa turtii TOI waliin taasisaniin akka himanitti, tarkaanfiiwwan dadhabina kalee ittisuuf fudhataman ibsaniiru. Haaluma kanaan:

👉 Dadhabbina kalee ittisuuf

📌 Dhibee kaleef sababa kan ta’an beekuu fi irraa fagaachuu

📌 Dhukkuba Sukkaraa fi dhiibbaa dhiigaatiif hordoffii gahaa gochuu.

📌 Hir’ina dhiigaa, dadhabbii, goginsa gogaa fi hooksisuu,  fedhii nyaataa dhabuu fi ol ol jechisiisuu, dhiita’uu qaamaa, fi hammi fincaanii hir’achuu yoo uumame hatattamaan yaala barbaachisu argachuu

📌 Fudhannaa qorichaa sirreessuu fi qoricha kalee miidhuu danda’u fudhachuu dhiisuu

📌 Furdina garmalee hir’isuu; araada hamaa irraa of eeguu

📌 Haala soorata ofii sirreessuu (qulqullinni isaa kan eegame; nyaata madaalawaa; soorata manatti qophaa’an soorachuu)

📌 Ashaboo (soogidda), cooma, bu’aalee foonii, bu’aalee aannanii fi soorata saamsaman soorachuu hir’isuu

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015