Guyyaan sabootaa, sablammootaa fi ummattootaa kabajamuunsaa duudhaa waliin jireenyaa gabbiseera-Bulchaa Ordiin Badrii - ENA Afaan Oromoo
Guyyaan sabootaa, sablammootaa fi ummattootaa kabajamuunsaa duudhaa waliin jireenyaa gabbiseera-Bulchaa Ordiin Badrii
Sadaasa 19/2018(TOI)- Guyyaan sabootaa, sablammootaa fi ummattootaa kabajamuunsaa tokkummaa sabdaneessummaa fi obbolummaa cimsuun duudhaa waliin jireenyaa gabbiseera jedhan bulchaa naannoo Hararii Ordiin Badrii.
Guyyaan sabootaa, sablammootaa fi ummattootaa sadarkaa naannoo Harariitti kabajameera.
Bulchaan naannichaa Ordiin Badrii, af-yaa’iin mana maree naannoo Hararii Sulxaan Abdusalaam, af-yaa’iin mana maree magaalaa Dirree Dawaa Fathiyaa Aden, af-yaa’iin mana maree naannoo Somaalee Ayaan Abdii fi hooggantoonni olaanoo biroon akkasumas jaarsoliin biyyaa fi kutaaleen hawaasaa garagaraa sirnicharratti argamaniiru.
Bulchaan naannichaa Ordiin Badrii wayita kana dubbii dubbataniin akka ibsanitti, guyyaan sabootaa, sablammootaa fi ummattootaa kabajamuunsaa tokkummaa sabdaneessummaa fi obbolummaa cimsuun duudhaa waliin jireenyaa gabbiseera.
Waggoottan jijjiiramaa darban ibsituu naannichaa kan ta’e duudhaan nagana waliin jireenyaa naannichaa caalaa akka gabbatu hojjetamaa turuu dubbataniiru.
Akkasumas hojiileen misoomaa fayyadama dinagdee fi hawaasummaa guddisanii fi badhaadhina hunda galeessaaf bu’uura kaa’an raawwatamuu eeraniiru.
Af-yaa’iin mana amaree naannoo Hararii Sulxaan Abdusalaam gamasaaniin, guyyaan kun sadarkaa naannootti aanaalee fi waajjiraalee sekteraatti torbee sadiif akkaataa tokkummaa sabdaneessummaa cimsuun kabajamaa turuu dubbataniiru.
Saboonnii fi sablammoonni naannicha keessa bakka garagaraa waloomaan kan jiraatan waan ta’eef misoomaaf human guddaa ta’uu ibsaniiru.