Sosochiin ‘Sihaa Barru Itiyoophiyaa’ turizimii biyya keessaa guddisaa jira - ENA Afaan Oromoo
Sosochiin ‘Sihaa Barru Itiyoophiyaa’ turizimii biyya keessaa guddisaa jira
Sadaasa 19/2018(TOI)-Sosochiin ‘Sihaa Barru Itiyoophiyaa’ jedhu turizimii biyya keessaa guddisuuf shoora olaanaa bahachaa jira jedhe Ministeerri Turizimii.
Ministeera Tuurizimiitti hojii raawwachiisaa Olaanaan Damee Piroomooshinii obbo Tashoomaa Takiluu TOI waliin turtii taasisaniin akka himanitti, Sosochiin Itiyoophiyaa haa barruu dhaloonni waa’ee aadaa, seenaa, fi bakkeewwan hawwata turizimii biyyattii barsiisuuf kan kaayyeffate ta’uu himaniiru.
Fiigicha guddicha Itiyoophiyaa waliin ta’uun dorgommii fiigichaa ‘sihaa baru Itiyoophiyaa’ kan jedhu magaalota adda addaa keessatti qophaa’aa turuu himuun, kunis guddina turizimii biyya keessaaf shoora olaanaa bahachaa jiraachuu himaniiru.
Sagantaan kun fiigicha malees daawwannawwan addaa qopheessuun lammiileen bakkeewwan uumamaa biyya isaanii fi hambaalee akka daawwatan taasisaa jira jedhan.
Akkasumas yeroo dorgommii fiigichaa adeemsisan, bakkeewwan hawwata turizimii,
seena qabeessa ta’an daawwachuu akka danda’an himaniiru.
Magaalota dorgommiin fiigichaa keessatti adeemsifamu, hawaasni naannichaa yaa’insa turistii irraa akka fayyadamaniif carraa uumaa jira jedhaniiru.
Magaalonni waan adda isaan taasisu bakkeewwan hawwata turizimi ta’an hawaasaaf beeksisuun beekamtii argachaa jiru jedhan.
Kunis walitti hidhaminsa ispoortii fi turizimii biyya keessaa guddisuu qofa osoo hin taane, badhaadhina biyyaalessaaf gumaachaa olaanaa buusaa jira jedhaniiru.
Daariktarri Fiigicha Guddicha Itiyoophiyaa obbo Daagim Tashoomaa sagantichi yeroodhaa gara yerootti guddachaa dhufuu eeruun, yeroo ammaa kanatti magaalota jaha keessatti adeemsifamaa akka jiru beeksisaniiru.
Dorgommicha irratti kutaalee biyyaa adda addaa irraa fi lammiileen biyya alaa irratti hirmaachuuf fedhii olaanaa agarsiisaa jiraachuu ibsaniiru.
Sagantaa kana gara magaalota biyyattii birootti babal’isuuf karoorfachuu isaanii fi Ministeera Tuurizimii waliin ta’uun lammiileen Itiyoophiyaa biyya isaanii akka gaariitti hubachuu fi qabeenya turizimii ishee daawwachuu akka qaban beeksisaniiru.
Fiigichi ‘sihaa barru Itiyoophiyaa’ bara kanaa dhaadannoo ‘Discover Ethiopia Classic’jedhuun baatii Amajjiirraa eegalee Dabra Birhaan, Hawaasaa, Jimmaa, Boqqojjii, Arbaa Mincii fi Harartti ni gaggeeffama.