Ladfti heektaara kuma 65 caalu naannoo Beeniishaangul Gumuzitti jallisii boneen ni misooma - ENA Afaan Oromoo
Ladfti heektaara kuma 65 caalu naannoo Beeniishaangul Gumuzitti jallisii boneen ni misooma
Sadaasa 18/2018 (TOI) Misooma jallisii bonee baranaatiin naannoo Beeniishaangul Gumuzitti lafti heektaara kuma 65 fi 347 midhaan garagaraan akka misoomu hoogganaan biiroo qonnaa naannoo Beeniishaangul Gumuz Baabakar Kaliifaa dubbatan.
Hoogganaan kun turtii TOI waliin taasisaniin akka beeksisanitti, aanaalee naannichaa garagaraa keessatti hojiin jallisii bonee eegalameera.
Aanaalee naannichaa misooma qamadiif mijataa ta’an keessatti lafti heektaara kuma 1 fi 202 irratti qamadiin ni misooma jedhaniiru.
Amma ammaattis lafti heektaara 445 qamadiin facaafamuu mirkaneessaniiru.
Kana keessaa heektaarri 222 kilaastaraan misoomaa jiraachuu eeraniiru.
Hojii jallisii bonee baranaaf karoorfame heektaara kuma 65 fi 347 keessaa heektaarri kuma 10 fi 557 kilaastaraan akka misoomu dubbataniiru.
Hojii misooma jallisii bonee amma ammaatti jiruun heektaarri kuma 9 fi 487 midhan garagaraan facaafamuu dubbataniiru.
Walumaa gala namoonni misooma jallisiin fayyadaman kuma 13 fi 386 ta’uu ibsaniiru.