Godina Harargee Bahaatti sagantaa Maaddii guutuun hojiiwwan hojjetamaa jiran birmadummaa nyaataa kan mirkaneessanidha - ENA Afaan Oromoo
Godina Harargee Bahaatti sagantaa Maaddii guutuun hojiiwwan hojjetamaa jiran birmadummaa nyaataa kan mirkaneessanidha
Sadaasa18/2018(TOI)- Godina Harargee bahaatti sagantaa Maaddii guutuun hojiiwwan misoomaa hojjetamaa jiran birmadummaa nyaataa kan mirkaneessan ta’uusaanii hirmaattonni leenjii hoggansaa dubbatan.
Naannoo Oromiyaa bulchiinsa magaalaa Maayaatti hirmaattonni Leenjii hoggantoota olaanoo fi gidduugaleessaa mataduree ”ilaalcha mootummaa ida’amuu milkaa’ina dameelee “ jedhuun gaggeeffamaa jiru irratti hirmaatan, hojiiwwan misoomaa omishaa fi omishtummaa guddisuuf godinichatti Aanaawwan Baabbille fi gursumitti hojjetaman daawwataniiru.
Hirmaattota daawwanichaa keessaa Aadde Alfiyyaa Toofiq akka jedhanitti sagantaa maaddii guutuurratti qonnaan bultoonni bobba’an fayyadamoo misoomaa ta’uurra darbee lammiilee biroof carraa hojii yeroo uuman argineerra jedhaniiru.
Kunis hojii birmadummaa nyaataa mirkaneessuuf hojjetamaniif milkaa’ina abdii kennuu fi muuxannoon kan irraatii fudhatamu ta’uu dubbatabniiru.
Hojiiwwan Innisheetifoota adda addaan hojjetaman bu’aa fiduu danda’uusaanii arguun, kunis imala misooma biyyaa kan saffisiisuu ta’uu obbo Mikaa’el Mahaammad ibsaniiru.
Obbo Abubakar Yusiif gamasaaniin hojiiwwan damee qonnaan hojjetaman damee industirii kan cimsan ta’uusaa daawwachuu ibsaniiru.
Hojiiwwan misoomaa innisheetifoota adda addaan Godinichatti raawwataman fayyadamummaa lammiilee kan mirkaneessanii fi muuxannoon kan irraatii fudhatamudha jedhaniiru.
Bulchaan Godina Harargee Bahaa Aadde Miskii Mahaammad gamasaaniin akka jedhanitti godinichatti fayyadamummaa qonnaan bulaa guddisuuf kuduraa fi muduraa, horii furdisuu, misooma lukkuu, dabalatee innisheetifoonni 24 hojiirra oolaa jiru.
Qonaan bulaan Qamadii fi bisingaa dabalatee midhaan biroo kilaasteraan misoomsuun omisha fi omishtummaa guddisaa wabii nyaataa mirkaneessaa jira jedhaniiru.
Daawwanicharratti kan argaman Itti Gaafatamaan Biiroo Idustirii fi Invastimantii akka dubbatanitti godinichatti innisheetifii muuzii, furdisa loonii, horsiisa lukkuu fi hojiiwwan innisheetifoota biroo daawwanneera jedhaniiru.
Naannichatti hojii qonnaan lammiileef carraa hojii uumuu, wabiinyaataa mirkaneessuu , omisha Al-ergii omishuu fi omisha Alaa galan kan biyya keessaan bakka buusuu galmoota jedhaman mikeessuuf hojiiwwan hojjetaman qabatamaan hojjetamanii arguusaanii dubbataniiru.