Itiyoophiyaan yaa’ii walii galaa wagga dhaabbata poolisii idil addunyaa Intarpool 96ffaa A.L.A bara 2028 gggeeffamu akka qopheessitu filatamte - ENA Afaan Oromoo
Itiyoophiyaan yaa’ii walii galaa wagga dhaabbata poolisii idil addunyaa Intarpool 96ffaa A.L.A bara 2028 gggeeffamu akka qopheessitu filatamte
Sadaasa 18/2018(TOI)- Itiyoophiyaan yaa’ii walii galaa wagga dhaabbata poolisii idil addunyaa Intarpool 96ffaa A.L.A bara 2028 gggeeffamu akka qopheessitu sagalee guutuun filatamteetti.
Sagalee guutuun kan filatamte yaa’ii wagga walii galaa Intarpool 93ffaa Morookoo Marakaashitti gaggeeffamaa turerratti ta’uu poolisiin federaalaa ibsa TOI’f ergeen beeksiseera.
Itiyoophiyaan konfaransii Intarpoolii riijinaalaa Afriikaa 26ffaa Afriikaa Kibbaa Magaalaa Keeptaawunitti gaggeeffamerratti konfaransii riijinaalaa Afriikaa Intarpoolii A.L.A bara 2027 gaggeeffamu akka qopheessitu filatamuunshee niyaadatama.