Tamsaasa Kallatti:

Itiyoophiyaan balaa ibiddaa gamoo bulchiinsa addaa Chaayinaa Hongi Koongirra gahetti gadduushee ibsite

Sadaasa 18/2018 (TOI)- Itiyoophiyaan balaa ibiddaa gamoo bulchiinsa addaa Chaayinaa Hongi Koongirra gahetti gadduushee ibsiteetti.

Ministirri dhimma alaa ibsa baaseen maatilee miidhamtootaa fi lammiilee balaa gaddisiisa kanaaf saaxilamaniif jajjabina akka hawwu ibseera.

Yeroo rakkinaa kana Itiyoophiyaan ummataa fi mootummaa Chaayinaa cinaa akka dhabattu ibseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015