Badhaadhina hundagaleessa mirkaneessuuf hoggansi ‘qajeelfama ariitiinii fi kalaquu jedhuun ’ carraaquu qaba - Kantiibaa Adaanech Abeebee - ENA Afaan Oromoo
Badhaadhina hundagaleessa mirkaneessuuf hoggansi ‘qajeelfama ariitiinii fi kalaquu jedhuun ’ carraaquu qaba - Kantiibaa Adaanech Abeebee
Sadaasa 18/2018(TOI)- Badhaadhina hundagaleessa mirkaneessuuf hoggansi ‘qajeelfama ariitiinii fi kalaquu’jedhuun carraaquu aka qabu Kantiibaan magaalaa Finfinne aadde Adaanech Abeebee ibsan.
Leenjiin hoggantoota olaanoofi giddugaleessaa Paartii Badhaadhinaa Magaalaa Finfinneetti kennamaa ture karaa milkaa’aan goolabamuu Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee himaniiru.
Leenjichi mata duree “Ilaalcha Mootummaa Ida’amuun, Guddina Dameelee” jedhuun kennamaa turuu yaadachiisuun, hoggansi hundi leenjicharraa hubannoo argateefi hojiilee qabatamaa lafarra jiran kan daawwate ta’uu himaniiru.
Milkaa’ina damee maraan argaman itti fufsiisuun qormaatilee gara injifannootti jijjiiruun Itiyoophiyaa fakkeenya Badhaadhinaa taate ijaaruuf ni hojjetama jedhaniiru.
Kallattiiwwan qonnaafi ce’umsa baadiyyaa, damee indastirii, akkasumas turizimiifi misooma magaalaan raawwii gaarii galmeessuuf waliigalteerra ga’uu Kantiibaa Adaanech miidiyaa hawaasaa isaaniin ibsaniiru.
Qajeeltoo “Kalaqaafi Saffisaan” hojjechuun badhaadhina Itiyoophiyaa ni mirkaneessina jechuunis ergaa dabarsaniiru.
Kantiibaan magaalattii Aadde Adanech Abeebee xumura leenjichaa irratti akka jedhanitti; hoggansa Paartii Badhaadhinaa jalatti damee hawaasummaa, diinagdee, fi siyaasaa magaalaa guddoo keessatti bu’aa gaariin hedduun argameera.
Damee indaastirii hedduun oomisha bakka bu’aa oomishaa akka jiran kan ibsan yoo ta’u, indaastiriiwwan magaalaa guddoo keessatti argaman 3,800 ol keessaa 2,094 oomisha bakka bu’aa oomishaa akka jiran hubachiisaniiru.
Kanaanis bara baajataa 2017tti oomishaaleen doolaara miiliyoona 975 ol biyya keessatti oomishamuu danda’uu isaanii eeruun, milkaa’ina kana daran guddisuuf tattaaffiin taasifamu cimuu akka qabu cimsanii dubbataniiru.
Intarpiraayizoota 1000 ol ta’aniif bakki hojii kennamuu, dhaabbilee huccuu, oomisha daabboo, fi dameelee adda addaa irratti bobba’aniif walitti hidhamiinsi gabaa uumamuu ibsaniiru.
Magaalaa Finfinnee mallattoo badhaadhina misooma magaalaa taasisuuf tattaaffii taasifamaa ture kan dinqisiifatamu ta’uu kantiibaan Adaanachi ibsuun, misooma koriidarii, ijaarsa mana jireenyaa fi dhiyeessii, akkasumas iddoowwan qulqulluu fi jireenyaaf mijatoo ta’an uumuu irratti bu’aan dinqisiisaan galmaa’uu isaa hubachiisaniiru.
Rakkoolee kenniinsa tajaajilaa keessatti mudataniif furmaata waaraa kennuuf sirni ammayyaa, teknooloojiin deeggarame hojiirra oolaa jiraachuus ibsaniiru.
Kantiibaan Adaanech akka jedhanitti, dhaabbileen 13 tajaajila 107 karaa wiirtuu tajaajilaa tokkoo Addis Mesoobitti kennaa akka jiran eeruun, tajaajila kana daran babal’isuuf tattaaffiin taasifamaa jira jedhan.
Magaalaa Finfinneetti bu’aa dameelee tokkoon tokkoon argame daran guddisuuf hoggansi qajeelfama ariitiinii fi kalaquu jedhu hordofuun firii olaanaaf carraaquu akka qabu cimsanii dubbataniiru.
Hoggansi sadarkaa sadarkaan jiru kenniinsa tajaajilaa fooyyessuuf kutannoon hojjechuu akka qabus cimsanii dubbataniiru.