Hirmaannan Itiyoophiyaa yaa’ii biyyoota Garee 20 irratti taasifteen bu’aa dippiloomaasii olaanaa argatte - ENA Afaan Oromoo
Hirmaannan Itiyoophiyaa yaa’ii biyyoota Garee 20 irratti taasifteen bu’aa dippiloomaasii olaanaa argatte
Sadaasa 18/2018(TOI)- Itiyoophiyaan yaa’ii miseensota biyyoota Garee 20 irratti taasifteen bu’aa dippiloomaasii olaanaa galmeessifteetti jedhan dubbi himaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaassaaddar Nabiyaat Geetaachoon hojiilee damichaan hojjetaman ilaachisee ibsa torbee kennaniin.
Dubbii himaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaassaaddar Nabiyaat Geetaachoo hojiilee gurguddoo dippiloomaasii ilaachisee miidiyaaleef ibsa kennaniiru.
Ibsa isaaniin, Itiyoophiyaan yaa’ii jijjiirama qilleensaa addunyaa 32ffaa(COP32) qopheessuuf filatamuun ishee bu’aa dippiloomaasii isa olaanaa ta’uu eeraniiru.
Kunis Itiyoophiyaan sagantaa Ashaaraa Magariisaan beekamtii idl addunyaa argachaa dhufuusheef agarsiiftuu guddaadha jedhan.
Itiyoophiyaan misooma koriidaraan,magaalota qulqulluufi magariisummaa qabdu babal’isuun, tarkaanfiiwwan gurguddaa fudhatte beekamtii kenneeraafii jedhan.
Itiyoophiyaan yaa’ii 2ffaa haala qabeeyna qilleensa Afrikaa milkaa’inaan keessummeessuun ishees milkaa’ina birooti jedhaniiru.
Kunis Itiyoophiyaan dhagahamummaan ishee idil addunyaatti dabalaa jiraachuu kan agarsisudha jedhan. Kunis turizimii Itiyoophiyaa beeksisuu keessatti shoora olaanaa qabaachuu imaniiru.
Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Dooktar Geediyoon Ximootiyoos Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti yaa’ii qabeenya qilleensa (COP 32) pireesidaantii bakka bu’aa ta’anii filatamuun isaanii milkaa’ina Itiyoophiyaa kan biroo ta’uu ibsaniiru.
Muummichi Ministiraa Dr. Abiy Ahmad yaa’ii Garee 20 irratti haasaa taasisaniin ajandaa Afrikaanota hundaa ta’uu ibsameera.
Hoggantoota dureewwan biyyootaafi dhaabbileewwan hedduu waliin marii kan taasisan ta’uu eeruun,kanaanis hariiroon biyyoota lameenii akka guddatu ta’eera jedhan.
Kanaanis michummaa misoomaa, dhimmoonni naannoofi idil addunyaa dabalatee dhimmoota hedduu irratti mari’atameera.
Kunis dippilomaasiin Itiyoophiyaa sadarkaa olaanaa irra gahuu isaaf agarsiiftuu ta’uu himaniiru.