Guddinni oomishtummaa industirii Itiyoophiyaa carraa hojii uumuu fi ce’umsa ogummaa agarsiisaa jira - ENA Afaan Oromoo
Guddinni oomishtummaa industirii Itiyoophiyaa carraa hojii uumuu fi ce’umsa ogummaa agarsiisaa jira
Sadaasa 18/2018(TOI)- Guddinni oomishtummaa indastirii Itiyoophiyaa carraa hojii uumuu fi ce’umsa ogummaa agarsiisaa jiraachuu anga’oonni olaanoo mootummaa ibsani.
Deetaan Ministeera Industirii obbo Taarraqeny Bulultaa fi deetaan Ministeera Hojii fi Ogummaa obbo Solomoon Sookaa Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa waliin dhimmoota oomishtummaan indastirii Itiyoophiyaa, carraa hojii uumuu, fi ce’umsa ogummaa gaarii agarsiisaa jiraachuu irratti mari’ataniiru.
Deetaan Ministeera Indastirii obbo Taarraqenyi Bulultaa akka jedhanitti, mootummaan dameewwan shanan utubaa guddina Itiyoophiyaa ta’uun adda baafaman keessaa indastiriin tokko ta’uu eeruun, jijjiirama caasaa fidaa jiraachuu himaniiru.
Sosochiin Itiyoophiyaan haa oomishtuu hudhaalee damee indastirii Itiyoophiyaa mudachaa turan furuun, indastiriiwwan cufamanii turanitti humna horuun gara oomishtummaatti akka deebi’aniif dandeettii uumuu danda’eera jedhan.
Damee oomishtummaa indastirii keessatti haaromsi mul’achaa jiru invastimantii haaraa hawwachuu fi oomisha bakka bu’aa, carraa hojii uumuu, fi ce’umsa ogummaaf gumaacha gaarii buusuu isaa ibsaniiru.
Waggoottan afran darbanitti abbootiin qabeenyaa biyya keessaa fi alaa industirii omishaa irratti bobba’an lammiilee miiliyoona 1.18 ol ta’aniif carraa hojii uumuu isaanii ibsaniiru.
Oomishtoonni xixiqqaa, giddu galeessaa, fi gurguddoonnis oomishtummaa indastirii Itiyoophiyaa guddisuun sirna daldala al-ergii guddisuu keessatti dorgomaa ta’aa jiru jedhan.
Sochiin Omishtummaa Itiyoophiyaa tarsiimoon oomisha bakka bu’aa gosoota oomishaa 96 adda baasuun baasii galtee hir’isuun bu’aa milkaa’aa galmeessisaa akka jirus hubachiisaniiru.
Deetaan Ministeera Hojii fi Ogummaa obbo Solomoon Sookaan dorgomtummaan indastirii Itiyoophiyaa carraa hojii uumuu fi cehumsa ogummaa keessatti gahee murteessaa taphachaa jiraachuu ibsaniiru.
Abbootiin qabeenyaa biyya keessaafi biyya alaa invastimantii indastirii irratti hirmaatan carraa hojii lammiilee hedduuf uumaniiru jedhan.
Fakkeenyaaf, ji’oota afran darban keessatti lammiileen 218, 113 ol carraa hojii indaastiriiwwan oomishaa irraa fayyadamoo ta’uu beeksisaniiru.