Tamsaasa Kallatti:

Guyyaan sabaa, sab-lammootaa fi ummattootaa walooma hawasaa cimsaa jira

Sadaasa18/2018(TOI)- Guyyaan Ayyaana Sabaa, sab-lammootaa fi uummattoota Itiyoophiyaa Aadaa eegsisuurra darbee walooma hawaasaa cimsaa akka jiru Itti Aantuun Mana Maree Magaalaa Finfinnee Faayizaa Mahaammad ibsan.

Biiroon Barnootaa magaala Finfinnee guyyaa sabaa,sab-lammootaa fi uummattootaa 20ffaa sababeeffachuun dorgommii gaaffii fi deebii barattootaa gaggeessa jira.

Gaaffii fi deebbiin olitti ayyaanicha sababeeffachuun mariin paanaalii gaggeeffama.

Itti Aantuun Mana Maree Magaalaa Finfinnee Faayizaa Mahaammad guyyaan sabaa,sab-lammootaa fi uummattootaa 20ffaa mataduree “waliigaltee Dimokiraasii tokkummaa sab-daneessummaaf” jedhuun sagantaawwan adda addaan kabajamaa jiraachuu eeraniiru.

Guyyaan Sabaa, sab-lammootaa fi uummattootaa Aadaa eegsisuun olitti walooma uummataa kan cimsu ta’uu ibsuun, lammiileen dhimmoota biyyoolessaarratti kaayyoo waloo akka qabaatan taassiseera jedhaniiru.

Itti gaafatamaan Biiroo Barnootaa Magaalaa Finfinnee Dr.zalaalam Mulaatuu gamasaaniin , guyyaan saba, sablammootaa fi uummattootaa yeroo biyyi keenya pirojektoota misoomaa gurguddoo milkeessuu gandeessetti kabajamuunsaa gammachuu addaa akka kennu ibsuun , akka fakkeenyaatti Hidha Haaromasa Guddicha Itiyoophiyaa kaasaniiru.

Ayyaanichi Aadaa fi Duudhaa uummataa eegsisuun waliigaltee Dimokiraasiif qooda olaanaa kan gumaachu ta’uu ibsaniiru.

Keessuma Hawaasni Barnootaa lammii baratee fi gahoome horachuuf qoodasaanii cimsachuu akka qaban xiyyeeffataniiru.

GuyyaanAyyaana sabaa,sab-lammootaa fi uummattootaa 20ffaan mataduree ““waliigaltee Dimokiraasii tokkummaa sab-daneessummaaf” jedhuun qopheessummaa Naannoo gidduugala Itiyoophiyaan sadaasa 29 bara 2018 magaala Hosaa’inaatti kabajama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015