Tamsaasa Kallatti:

Galma Birmadummaa Diinagdee Mirkaneessu Milkeessuuf Qulullina Ajandaa biyyoolessaa gochuu qabna 

Sadaasa18/2018(TOI)-Galma birmadummaa Diinagdee mirkaneessuu milkeessuuf Qulullina Ajandaa biyyoolessaa jalqabaa gochuu  akka qabnu hojii Raawwachiisaa olaanaan dhaabbata badhaasa qulqullina Itiyoophiyaa  obbo Tewoodiroos Mabiraat ibsan. 


Hojii Raawwachiisaan Dhaabbata Badhaasa qulqullina Itiyoophiyaa obbo Tewoodiroos Mabiraat sagantaa  badhaasa qulqullinaa   sadaasa 20 bara 2018 gaggeeffamu ilaalchisuun ibsa kennaniiru. 


Dhaabbatichi sagantaa badhaasa qulqullinaaf xiyyeeffannoo addaa kennu diriirsuun omishtoota  Itiyoophiyaatti hojjetanii fi   dhaabbata tajaajila kennan gahumsa dorgommii Idil-Addunyaa guddisuurratti  hojjechaa jira jedhaniiru. 


Kunis qabeenya dilbii uumamaa fi namtolchee Itiyoophiyaan qabdu sirnaan hojiirra oolchuun omishaa fi omishtummaa babal’isuuf qooda olaanaa qaba jedhaniiru. 


  Dhaabbatichi dorgommii badhaasa qulqullinaa waggaa waggaan gaggeessu humna omisha dhaabbilee dabaluu fi qulqullina eegsisuuf haala dandeessisu uumuusaa eeraniiru. 


Badhaasa qulqullinaa 12ffaa bara kana gaggeeffamu  dhaabbileen 65 dorgommii qulqullinaa gaggeessuuf galmaa’uusaanii  ibsaniiru.  


Isaan keessaa dhaabbiileen 63 hanga dhuma dorgommichaatti kan deeman yoo ta’u  bu’aa galmeessisan irratti  hundaa’uun badhaafamtoota qulqullinaa akka ta’an  hojiiraawwachiisaa olaanaan kun ibsaniiru. 


Isaan keessaa dhaabbileen 34 damee omishaan, 12 dhaabbilee tajaajila bu’aaf hundeeffaman, 10 damee fayyaan, 5 damee tajaajilaan, 3 dhaabbilee barnoota olaanoon, fi dhaabbanni 1 damee ijaarsaan galmaa’anii kan dorgoman  ta’uusaanii  ibsaniiru. 


  Dhaabileen kun qulqullina omishaa eegsisuun dandeettii dorgommii   Itiyoophiyaa akka guddisaniif badhaasni kun kaka’umsa guddaa uuma jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015