Buufanni Xiyyaara Idil-Addunyaa Bishooftuu imala Aveeshinii Afriikaa keessatti Boqonnaa Seenaa qabeessadha -Ministir Ahimad Shidee - ENA Afaan Oromoo
Buufanni Xiyyaara Idil-Addunyaa Bishooftuu imala Aveeshinii Afriikaa keessatti Boqonnaa Seenaa qabeessadha -Ministir Ahimad Shidee
Sadaasa18/2018(TOI)- Buufanni Xiyyaara Idil-Addunyaa Bishooftuu imala Aveeshinii Afriikaa keessatti Boqonnaa Seenaa qabeessa ta’uu Ministirri Maallaqaa Ahimad Shidee ibsan.
Fooramii Invastimentii Afriikaa Morokoo Raabatitti gaggeeffameerratti ijaarsa pirojektii Buufata Xiyyaaraa Idil-Addunyaa Bishooftuutti ijaaramu ilaalchisee faayinaansii, teeknikaa fi bu’uurawwan tarsiimoo pirojeketiirratti ilaalchisuun ibsa kennaniiru.
Ministirri Maallaqaa Ahimad Shideewayita sana akka ibsanitti, fooramicharratti dureeyyiin idil- Addunyaa, dhaabbilee misooma faayinaansii, ejensiiwwan liqii Al-ergii fi Liqeessitoonni Daldalaa Addunyaa faayinaansii pirojektichaa teeknikaa fi bu’uurawwan tarsiimoo piroketiirratti ibsa bal’aa taassisuun marsaa murteessaa dha jedhaniiru.
Buufanni xiyyaara Idil Addunayaa Bishooftuu imala Aveeshinii Afriikaa keessatti boqonnaa seenaa qabeessa ta’uu hubachiisuun, teekinooloojii ammayyaan, diizaayiniin, akkasumas tajaajila bal’aa kennuun Itiyoophiyaa gidduugala Aveeshinii taassisa jedhaniiru.
Buufanni xiyyaara Idil Addunayaa Bishooftuu Ardittii Addunyaa waliin kan wal-quunnamsiisu galma furtuu ta’uu hubachiisaniiru.
Pirojektiin kun buufata xiyyaaraa olidha kan jedhan Ministirichi kun , guddina dinagdee guutuu Afriikaatti, daldala, Tuurizimii, akkasumas walitti hidhaminsa riijinii fi Ardiif sochooftuu jijiiramaa ta’uun akka fudhatamu hubachiisaniiru.
Dhiibbaa bufata xiyyaaraa Idil Addunyaa Booleerratti ga’aa jiru akka hir’isuu fi tajaajila fooya’aa kennuu akka dandeessisu ibsaniiru.
Walii gala hanqina gahumsaa hanbisuun Itiyoophiyaa fi guutuu Afriikaa sadarkaa Addunyaatti haala caalaatti bu’aa qabeessa ta’een akka wal-quunnamsiisuu dandeessisa jedhaniiru.
Dureeyyiin dhaabbataa, liqeessitoonni daldalaa fi ejnsiiwwan liqii Al-ergii pirojekticharratti akka hirmaatan, paakeejii invastimentii akka madaalanii fi bu’uuraalee misoomaa guddaa Afriikaa keessaa tokko ta’uuf hojii qophaa’eef akka gumaachan affeeraniiru.
Dhaabbilee faayinaansii dabalatee invastaroota dhaabbilee waltajjii riifoormii kanarratti hirmaatan ijaarsa piroojektichaa deeggaruuf fedhii akka qaban ibsaniiru.
Kunis Buufatni Xiyyaaraa Idil-addunyaa Bishooftuu wiirtuu aviyeeshinii Afrikaafi Idil-addunyaa ta’uu akka danda’u kan mul’isu ta’uu odeeffannoon Ministeerri Maallaqaa TOItiif erge ni mul’isa.
Buufatni xiyyaaraa kun geejjiba uummataatiin alatti tajaajila geejjibaa fe’umsaa olaanaa kan kennu ta’uus ibsameera.