Tapha eegamuun Arsenal Baayer munikiin Mo’ate - ENA Afaan Oromoo
Tapha eegamuun Arsenal Baayer munikiin Mo’ate
Sadaasa18/2018(TOI)-Sagantaa shaampiyoonsi liigii Awurooppaa eegamuun Arsenaal Baayer Muniikiin 3 fi 1 injifate.
Liiverpuul gamasaan Injifatameera.
Tapha Shaampiyoonsi liigii Awurooppaa galgala Istaadiyeemii Emireetis gaggeeffame Yuuriyen tiimber daqiiqaa 22ffaatti galchiin lakkoofsise Arsenaaliin dursaa taassiseera.
Dargaggeessi waggaa 17 Leenarti Karli daqiiqaa 32ffaa tti galchii walqixaa lakkoofsiseera.
Noonii Maduweekee daqiiqaa 69ffaa fi Gabri’eel Martiineelii daqiiqaa 76ffaatti galchii lakkoofsiseen injifannoo Arsenaal mirkaneesseera.
Kilaboonni kun taphicharratti daawwattootaaf sochii bashannansiisaa argisiiseera.
Arsenaal qabxii 15 dursummaa shaampiyoonsi liigii yeroo qabatu Baayer muniik qabxii 12n sadarkaa 2ffaa qabateera.
Arsenal shaampiyoonsi liigicharratti yeroo jalqabaaf gooliin yoo keessummeessu BaayerMuniik bara dorgommii kanaa otoo hin mo’amiin ture gufateera.
Sagantaa biroon abbaa geeba yeroo 15 Riyaal maadriid dirreen Ala Olompiyaakoosin 4 fi 3 mo’ateera.
Kiiliyaan mibaappee goolii Afranuu riyaal maadiriidiif lakkoofsiseera.
Chikuwiniho,Mehiidii Tahiremii fi Ayubii Elikabii olompiyaasiif galchii lakkoofsiseera.
Abbaan waanchaa morkichaa yeroo ammaa PSG,tootanaam Hootisparsiin 5 fi 3n injifateera.
Viitiniyaan galchii sadii lakkoofsisuun hatirikii yeroo hojjetu faabiyaansi ruwiizi fi wiiliyan poottoo galchii hafan lakkoofsisaniiru.
Tootinihaamiif Raandaal kolo muwani goolii lama yeroo lakkoofsisu Richarlisen goolii hafan lakkoofsiseera.
Lukaas Hernandeez kan PSG, daqiiqaa 93ffaa irratti kaardii diimaan dirree keessaa Arii’ameera.
Liiverpuul dirree isaarratti PSV Aayindiven 4 fi 1 mo’ateera.
Kohohayib diru ‘ech galchii lama yeroo lakkoofsisu Gusteel taphaa fi Ivan pireesich rukkuttaa Adabbii gooliiwwan hafan lakkoofsisaniiru.
Doomnik sibozilaay goolii tokkicha liiverpuliif galcheera.
Taphoota biroo keessatti inter miilaan Atileetikoo Maadiridiin 2 fi 1 injifateera.
Atilaantaan Aayintiraakti Firaankifertiin, ispoorting liizban kilab Biruuj wal walfakkeenyaan 3 fi 0n injifataniiru.
Taphoota har’a dura gaggeeffaman keessatti, koopanhaagen kaayiraat Almaatiin 3 fi 2 yoo injifateera, paafos fi monakoon immoo 2 fi 2n wal-qixaa bahaniiru.