Tamsaasa Kallatti:

Itiyoophiyaa fi Kuwaataar hariiroo dippilomaasii caalaatti cimsuu fi faayidaa waloof tumsa guddisuu irratti mari’atan

Sadaasa 18/2018(TOI)- Itiyoophiyaa fi Kuwaataar hariiroo dippilomaasii caalaatti cimsuu fi faayidaa waloof tumsa guddisuu irratti mari’ataniiru.

Ministirri ittisaa Injiinar Ayishaa Mahaammad itti aanaa ministira muummee fi ministira ittisaa Kuwaataar Sheek Saa’ud Biin Abduraahimaan Biin Hasan Al Taanii waliin dhimmoota gamlameerratti mari’ataniiru.

Ministirri ittisaa FDRI Injinar Ayishaa Mahaammad daawwannaa hojii guyyaa sadiif Kuwaataar Dohaatti argamu.

Ministirri ittisaa Injiinar Ayishaa Mahaammad itti aanaa ministira muummee fi ministira ittisaa Kuwaataar Sheek Saa’ud Biin Abduraahimaan Biin Hasan Al Taanii waliin dhimmoota gamlameerratti mari’ataniiru.

Hariiroo dippilomaaasii biyyoota lamaan jidduu jiru caalaatti cimsuu fi faayidaa waloof tumsa garagaraa guddisuuf fedhii akka qaban marii taasisaniin beeksisaniiru.

Keessumaa tumsa dameelee ittisa
a garagaraan qaban guddisuu fi cimsuun haala danda’amurratti mari’ataniiru.

Kana malees Invastimantii garagaraa fi gabbisa dandeettiirratti tumsa cimsuuf fedhii cimaa akka qaban ibsuusaanii odeeffannoon TOI’n miidiyaa onlaayinii raayyaa ittisaarraa argate ni mul’isa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015