Tamsaasa Kallatti:

Itiyoophiyaan Keeniyaa mo’achuun dursaa garichaa ta’uun xumurteetti

Sadaasa 17/2018(TOI)-Tapha ramaddii tokkoo gulaallii Seekaafaa Waancaa Afriikaa wagga 17 gadii 16ffaan Itiyoophiyaatiin qopheessituu kan taate Itiyoophiyaan galchii 1 fi 0’n Keeniyaa mo’atteetti.

Injifannoo kana hordofuun dursitee gara xumura walakkaatti kan dabarte Itiyoophiyaan qabxii 10niin ramaddii tokko dursuun xumurteetti.

Keeniyaan qabxii 7’n lammaffaa bahuun xumurteetti. Garichi xumura walakkaaf darbuunsaa nibeekama.

Itiyoophiyaan Dilbata dhufu Sadaasa 21 bara 2018 ramaddii lamaan irraa xumura walakkaatiin lammaffaa baatee kan xumurte Yugaandaa waliin ni taphatti.

Taanzaaniyaa fi Keeniyaanis akkanuma xumura walakkaaf nitaphatu.

Tapha ramaddii tokkoo har’a gaggeeffame kan biraatiin Sudaan Kibbaa galchii 2 fi 1’n Ruwaandaa mo’atteetti.
 

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015