Damee qonnaa naannoo Oromiyaa ammayyeessuun oomishtummaa guddisuuf hojiin hojjetamaa ture milkaa’eera - ENA Afaan Oromoo
Damee qonnaa naannoo Oromiyaa ammayyeessuun oomishtummaa guddisuuf hojiin hojjetamaa ture milkaa’eera
Sadaasa 17/2018(TOI)-Damee qonnaa ammayyeessuun omishtummaa naannoo Oromiyaa guddisuuf hojiin eegalame milkaa’aa ta’uu itti aanaan pireezdaantii mootummaa naannoo Oromiyaa Awwaluu Abdi ibsaniiru.
Sagantaa Leenjii Ogummaa Hojii Raawwachiiftuu Magaalaa Jimmaatti gaggeeffame irratti hoggantoonni sadarkaan jiran, naannoo irraa jalqabee pirojektoota misooma qonnaa godina Jimmaa daawwachaa jiru.
Hoggantoonni kunneen misooma ruuzii walitti qabamaa jiru aanaa Shaabee ganda Kiisheetti gaggeeffamaa jiru daawwataniiru.
Daawwannaa kana irratti kan argaman Pireezidaantiin Itti Aanaa Naannoo Oromiyaa Awwaluu Abdiin damee qonnaa ammayyeessuun oomishtummaa guddisuuf tattaaffiin taasifamaa jira jedhan.
Inisheetiviin qonnaa naannichatti eegalame oomishtummaa dabaluu keessatti bu’aa olaanaa agarsiisaa jira jedhan.
Naannichatti misoomni qamadii Bonee fi ruuzii Gannaaf xiyyeeffannoo addaa kennamaa akka jiru, kunis oomishtummaa guddisuu fi wabii nyaataa galmaan ga’uuf gahee olaanaa akka qabu hubachiisaniiru.
Inisheetiiviiwwan qonnaa keessatti jalqabaman hojiirra oolchuun, bu’a qabeessummaa damichaa daran dabaluuf waloon hojjetamaa jira jedhan.
Inisheetiviin qonnaa eegalame wabii nyaataa mirkaneessuu fi carraa hojii bal’aa uumuun dandeettii dabalataa uumuu danda’uu ibsaniiru.
Hoggantoonni naannichaa sadarkaan jiran daawwannaa kanarratti argamaniiru.