Zooniin Diinagdee Addaa bakka gahumsa invastaroota biyya alaa qulqullina qabanii ta'aniiru - Ministeera Industirii - ENA Afaan Oromoo
Zooniin Diinagdee Addaa bakka gahumsa invastaroota biyya alaa qulqullina qabanii ta'aniiru - Ministeera Industirii
Sadaasa 17/2018(TOI) -Zooniin Diinagdee Addaa bakka gahumsa invastaroota biyya alaa qulqullina qabanii ta'uu isaanii Deetaan Ministira Industirii Taarraqany Bulultaa himan.
Riifoormii diinagdee Gooroo biyya keessaa Itiyoophiyaan daldalaa fi invastimantii dadammaksuun hojiirra oolchite, invastaroota biyya keessaa fi alaa zoonii dinagdee addaa keessatti akka hirmaataniif haala mijataa uumeera.
Kanaanis, dameewwan qonnaa, albuudaa, teeknooloojii dijitaalaa, fi turizimiin utubaa guddina Itiyoophiyaa ta’anii fudhataman keessaa yoo ta’anis dameen oomishtummaa industirii adda duree ta’uun isaa ni beekama.
Oomishtummaan industirii fi guddinni invastimantii paarkiiwwan agro-industirii walitti makaman keessattis oomisha bakka bu’ummaa, carraa hojii uumuu, fi dorgommii al-ergii irratti guddina guddaa galmeessaa jira jedhan.
Zooniin diinagdee addaa mootummaan hoogganamu 13, abbootii qabeenyaa dhuunfaatiin hoogganamu 7 ammoo oomishaalee qonnaa oomishuun dabalatee, oomishtummaa damichaa guddisuu keessatti gahee gaarii bahachaa akka jiran himaniiru.
Zooniin dinagdee addaa dhiyeessiin bu’uuraalee anniisaas ta’e, abbootiin qabeenyaa invastimantii irratti bobba’an qulqullina oomishaa tilmaama keessa galchuun dandeettii isaanii guutuu akka oomishaniif carraa uumuu isaa eeraniiru.
Fakkeenyaaf, Dhaabbanni oomisha soolarii aduu Jaappaan Too Soolaar jedhamu kan Zoonii Diinagdee Addaa Hawaasaa irratti invasti gochaa jiru, Itiyoophiyaa gabaa anniisaa haaromfamuu addunyaa keessatti qooda fudhattuu ijoo taasisaa jira jedhan.
Gara fuula duraatti hojiin invastimantii alaa kallattiinii fi abbootii qabeenyaa qulqullina qaban hawwachuun deeggarsa mijataa taasisuu cimee itti fufa jedhaniiru.
Sirna hirmaannaa invastaroota biyya keessaa paarkiiwwan industirii keessatti guddisu diriirsuun gahumsa ce’umsa damichaa guddisuuf tattaaffiin hojjetamaa akka jirus ibsaniiru.
Haalli invastimantii mijataa invastaroota biyya keessaaf uumame hirmaannaa isaanii paarkiiwwan industirii keessattis haala olaanaan fyyaa’aa jiraachuu ibsaniiru.
Kanneen hojii qonnaa irratti bobba’an dabalatee damee industirii keessatti haaromsi mul’ate dorgomtummaa oomisha bakka bu’ummaa fi daldala al-ergii guddisuu keessatti gahee olaanaa akka qabu himaniiru.
Itiyoophiyaatti dandeettiin oomishtummaa industirii karaa oomisha bakka bu’ummaatiin uumamu aadaa oomisha biyya keessaatti fayyadamuu akka dabalu Ministir Deetaan ibsaniiru.