Tamsaasa Kallatti:

Bara kana Godina Harargee Bahaatti qamadiin jallisi boneen lafa hektaara kuma 96 irratti ni misooma

Sadaasa17/2018(TOI)-Godina Harargee bahaatti bara kanaan lafa hektaara kuma 96 irratti qamadiin jallisii boneen akka misoomu Bulchaan Godinichaa beeksise.

Godinichatti qaama misooma qamadii jallisii bonee kan ta’e hojiin Makaanayizeeshiniin deeggaramuun sanyii facaasuu hara’a Aanaa Gursum ganda haroo baateetti eegalameera.


 

Bulchituun Godinichaa Aadde Miskii Mahaammad wayita kana akka jedhanitti, hojiin misooma qamadii Godinichatti gaggeefamu waggaa waggaan guddachaa jira.

Misoomni qamadii wabii nyaata qonnaan bulaa mirkaneessuurra darbee dargaggoota hojicharratti bobba’aniif galii argamsiisuun fayyadamummaa dinagdeesaanii guddisaa jiraachuu dubabataniiru.


 

Godinichatti humna namaa damee Qonnaan jiru, filannoo bishaanii fi lafa osoo hin qotamiin jiran sirnaan fayyadamuun omisha fooyya’aa argachuuf akka hojjetamu ibsaniiru.

Misoomni qamadii jallisii bonee omishaa fi omishtummaa guddisuuf xiyyeeffannoon kennamuu kan dubbatan bulchituun kun, kanaafis hoggansi xiyyeeffannoo kennee ni hojjeta jedhaniiru.

Waqtii Bonaa Godinicha Aanaalee hundatti lafa hektaara kuma 96 irrtti qamadiin kilaastaraan akka misoomu ibsuun, kanaafis makaanayizeeshiniin deeggaramuun hojiitti galamuu ibsaniiru.

Qonnaan bulaan bishaan boollaa fi hidha jallisii xixiqqaa fayyadamuun karoorasaa milkeessuuf kutannoon hojjeta jedhaniiru.


 

Misooma qamadiif dhiheessii barbaachisu dhihaachuu eeruun, misooma kanaaf ogeeyyiin qonnaa, qonnaan bulaan fi hoggansi qindoomee hojiirra akka oolchu dubbataniiru.

Saganticharrtti Hoggantoonni Naannoo, Godinaa, Aanaalee fi ogeeyyiin Qonnaa fi kanneen biroon argamaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015